Dhabamuun wabii nyaataa cimaan naannoo beela’an 18 kan biyyoota 22 of keessaa qaban keessatti guddinaa fi ciminaan dabaluu akka danda’u gabaasni akeekkachiisa duraa haaraan, Tokkummaan Mootummoota baasee hubachisee jira.
Gabaasni – mata duree iddowwan ijoo beelaafa saaxilaman jechuun akeekkachiisa dursaa kan haanqiina wabii nyaataa jaarmayonni Tokkummaa Mootummootaa lamaan jechuun Jaarmayaan Nyaataa fi Qonnaa akkasumas, sagantaan Nyaata Aduunyaa gidduu kana baasan.
Kanaaf jecha, bakkeewwan beelli cimaan hammaatuuf carraa guddaa qabutti lubbuu fi jireenya baraaruuf akkasumas beelaa fi du’a ittisuuf tarkaanfiin gargaarsa namoomaa hatattamaa akka fudhatamu gaafatee jira, Kunis baatii Waxabajjii kaasee hanga sadaasa bara 2023 akka ta’u ibsamee jira.
Burkina Faasoo, Heeyitii, Maalii fi Sudaan Afgaanistaan, Naayijeeriyaa, Somaaliyaa, Sudaan Kibbaa fi Yaman sadarkaa akeekkachiisa olaanaatti ol guddataniiru.
Rippabilikni Afrikaa waaltaa, Rippabilikni Dimookiraatawaa Koongoo, Itoophiyaa, Keeniyaa, Paakistaan, fi Rippabilikni Arabaa Siiriyaa bakkeewwan yaaddoo baay’ee ol’aanaa kan ta’an yoo ta’u, akeekkachiisni kun gara Miyanmaariitti babal’ateera.
Forum