Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hiwumaan Raayits Waach: Fixiinsi Sanyii Tigraay Lixaa Keessatti Itti Fufee Jira


Asxaa Hiwumaan Raayits Waach
Asxaa Hiwumaan Raayits Waach

Walii galteen lola dhaabinsaa Sadaasa bara darbe irra ga’amus, fixiinsi sanyii amma iyyuu dhalattoota Tigraay kanneen dhiya Tigraay jiran irratti raawwatamuun itti fufee jira jechuu dhaan dhaabbati mirga namaa Hiwumaan Raayits Waach beeksisee jira. Humnoonni Amaaraa fi Angawoonni naannoo yakka kana keessatti kan hirmaatan ta’uu ibsi dhaabbata mirga namaa kun beeksisee jira.

Angawoonni naannoo fi humnoonni Amaaraa erga walii galteen lola dhaabuu Sadaasa 2 bara 2022 irra ga’amee qabee naannoo Kaaba Tigraay keessatti akka duula fixiinsa sanyiitti dhalattoota Tigraay humnaan qe’ee isaanii irraa buqqisuu itti fufaniiru jechuu dhaan dhaabbati mirga namaa kun ibsa baaseen beeksisee jira. Mootummaan Itiyoophiyaa ajajaawwan waraanaa fi angawoota kanneen dhiya Tigraay keessatti dhiittaa mirga namaa hamaa raawwatan irratti qorannaa akka geggeessu, hojii irraa akka rarraasuu fi sirnaan himannaa irratti dhiyeessuu qaba jedha ibsichi.

Erga Sadaasa bara 2020 Tigraay keessatti wal dhabdeen ka'ee as humnoonni naga eegumsa Amaaraa fi angawoonni naannoo ummata Tigraay Lixa irratti fixiinsa raawwachaa jiru. Qorannoon Hiumaan Raayits Waach dhiheenya kana ba’e akka akka agarsiisutti, angawoonni lama, Koloneel Demeqee Zewuduu fi Belaay Ayyaalew kanneen kanaan dura miidhaa dhaqqabe irratti hirmaatan yoo ta’u, lammiilee Tigraay akka dararaan, hidhaf, fi humnaan biyyaa ari’uu keessatti hirmaachuu itti fufaniiru jedha ibsi kun.

Walii galteen lola dhaabinsaa kaaba Itiyoophiyaa, fixiinsa lammiilee Tigiraay Lixa Tigraay irratti raawwatamaa jiru xumuruu hin dandeenye jechuu dhaan Hiumaan-itti itti aantuun daayreektarri Afriikaa Latiishaa Bader dubbataniiru. “Mootummaan Itiyoophiyaa miidhaa raawwatameef dhugumatti yoo haqa mirkaneessa ta’e, qorannoo walabaa geggeessuu dhaan gocha hammeenyaa Lixa Tigraay keessatti raawwatamaa jiru mormuu qofa dhiisee angawoonnii fi ajajoota waraanaa miidhaa geessisan akka itti gaafataman gochuu qaba” jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG