Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waldaan Sivikii Itiyoophiyaa Tokko Daandiin Balalii Itiyoophiyaa Dhalattoota Tigraay Irratti Loogii Raawwate Jechuun Himate


FAAYILII - Xayyaara daandii balalii Itoophiyaa, Bitootessa 7, 2021.
FAAYILII - Xayyaara daandii balalii Itoophiyaa, Bitootessa 7, 2021.

Dhaabbanni waldaalee siivikii Itoophiyaa 'Human Rights First' jedhamuun beekamu, Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa tajaajila isaa keessatti imaltoota Tigraay irratti loogii raawwate jechuun himate.

Himannaan dhaabbatichi dhiheesse akka jedhutti, Daandiin balalii xayyara mootummaa kun namoota rakkataniif dursa kennuu maqaa jedhuun lammiileen Tigiraay umuriin isaanii waggaa 15 hanga 60 ta'e balalii Maqalee irraa gara Finfinneett taasifamuuf tikkeettii akka hin bitanne dhorkaa kan ture yoo ta'u, xiyyaaronni garuu yeroo hunda duwwaa deebi'aa turan jedhee jira.

Abukaatoon dhaabbata “Human Rights First” akka jedhanitti manni murtii federaalaa himannaa sana simachuu dhaan daandiin balalii hanga Kamisa har’aatti deebii akka kennu ajajeera. Dhaabbatichi himannaa daandii balalii kana irratti dhiyeesse VOAf ergee jira.

Dhaabbati kun hawaasa siivilii biyya keessaa yoo ta’u kabajamuu mirga namaa biyyattii keessaa jajabeessuuf jecha waggaa afur dura hundeeffame.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG