Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lola Sudaan Keessaatti Daa’immanii fi Ijoolleen Maatiin Irra Hin Jirre Baay’een Du’uun Gabaasame 


Konkolaataa qarqaarsa Dhaabbata Mootummota Gamtoomanitti damee ijoollee, UNICEF, fe'ee bakka ijoolleen warra hin qabne jiraatan fudura dhaabbatee jiru, Kaartum, Caamsaa 2023.
Konkolaataa qarqaarsa Dhaabbata Mootummota Gamtoomanitti damee ijoollee, UNICEF, fe'ee bakka ijoolleen warra hin qabne jiraatan fudura dhaabbatee jiru, Kaartum, Caamsaa 2023.

Torbanneen ja’an darban keessa yoo xiqqaate daa’immanii fi ijoollee xiqqoon kanneen 60 ta’an mana ijoolleen warri irra hin jirre keessatti gudifaman keessatti haala gaddisiisaa ta’een utuu du’aniiru.

Irra caalaan isaanii hanqina nyaataa fi ho'I qaamaa isaan mudachuun du’an. Dhuma torban darbee guyyoota lama keessatti ijoollee 26tu du’an.

Dararaan ijoollee kanaa hagam akka ta’e, doktorota kudhanii ol, tola ooltota, angawoota eegumsa fayyaa fi hojjeettoota waaltaa Al-Mayqoomaa kan ijoolleen kun keessa jiraatan waliin gaaffii fi deebii geggeessameen ture. Associated Presse galmeelee fi suraalee akkasumas viidiyoowwan haalli waaltaa sanaa gad adeemaa deemu mul’isu xiinxalee jira

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG