Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaayitid Isteetis Gareeleen Sudaan Wal Waraanaa Jiran Lola Dhaabuuf Cicha Qaban akka Agarsiisan Gaafatte


Eddugala Fayyaa Sawuk Sitta keessatti dhukaasaan barbadahe, Kaartuum, Suudan, Waxabajjii 1, 2023.
Eddugala Fayyaa Sawuk Sitta keessatti dhukaasaan barbadahe, Kaartuum, Suudan, Waxabajjii 1, 2023.

Gareewwn Sudaan kanneen wal waraanaa jiran, yoo isaan jaarsummaa Ameerikaa fi Saaudii dhaan lola dhaabiinsaaf marii geggeessamuuf ajajamu ta’e, marii dhaaf haala mijeessuuf qophii ta’uu ishee Yunaayiid Isteetis Kamisa har’aa beeksistee jirti.

Ibsi kun kan dhaga’ame waraanni Sudaan, humnoonni addaa lola dhaabinsa sana irra deddeebi’uun cabsan jechuun himachuu dhaan marii sana keessa erga ba’ee booda. Gareen lamaan Caamsaa 20 gargaarsi namoomaa akka deddeebi’uuf walii galtee lola dhaabinsaa guyyoota torbaa mallatteesanii turan.

Yunaayitid Isteetisii fi Saaud Arabiyaan lola dhaabinsi sun hojii irra ooluu isaa to’ataa kan jiran yoo ta’u gareen lamaan walii galtee sana cabsan jedhan.

Gama biraan golli naga eegumsaa kan tokkummaa mootummootaa gaaffii muuicha barreessaa Antooniyoo Gutereeshiin Roobii kaleessaa wal ga’ii daqiiqaa 90 cufataan geggeessee jira. Tajaajila isaanii waggaa shanii keessatti yeroo shan qofaa wal ga’ii akkasii waaman.

Wal waraansi sun lubuu dhibbatti laka’amu yoo galaafatu , kanneen miliyoona 1.2 ta’an biyya ofii keessatti qe’ee ofii irraa buqqisee, kanneen 350,000 ta’an immoo biyyoota hollaatti akka baqatan dirqisiiseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG