Xurree ittiin seenan

Breaking News

Finfinnee Keessaati Mormii Jimaataa Har'aa Taasifameen Lubbuun Namaa Dabruun Himame


Masjiida Anuwaar Finfinnee
Masjiida Anuwaar Finfinnee

Bulchiinsaa naannoo Oromiyaa magaalaa haraa naannoo finfineetti hundeeffame Shagar keessatti Masgiidotaa diigamaniiru jedhaman irraatii gocha raawwatame balaaleffachuudhaan jimaata har’aa bakeewwaan adda addaatii mormiin taasifamee jira.

Magaala Finfinnee keessatti kan argamuu masgiidaa Anyuwaar fi naannoo isaatti mormii taasifameen walqabatee lubbuun namaa darbuun isaa beekameera.

Namoottan mormiidhaaf bahan kana bittineessuudhaaf umnoottan nageenyaa haaraa namaa imimaanessu fi rasaasaa dukaasuu isaanii, sababumaa kananis lubbuun nama tokkoo darbuu isaa akkasumas, namoottan midhamanii masgiidaa keessa jiraaniif gargaarsii akka hin taasifamnee namoonni ijaan argan saglee Amrerikaatti himanii jiru.

Dhimma kana ilaalchisee amma gabaasiin kun qopha’e akka lakkoofsaa Itiyoophiyaa guyyaa keessaa sa’atii 11 ti karaa mootumaatiin akka ibsii hin kenamnee fi komishiiniin poolisii magaala Finfinnee irraa deebii argachuudhaaf yaaliin taasifame akka hin milkoofne kenedii Abaatee Finfinnee irraa gabaaseera.

Torban darbee mormii taasifameen namoonni lama umnoottan nageenyaatiin ajjefamanii , siviilotaa fi umnnootan nageenyaa hedduu irraatti miidhaan gahuu isaa komishiniin mirga namoomaa Itiyoophiyaa ibsuun isaa gabaasameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG