Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lola Naannoo Amaaraa Keessaati Uumameen Sivilotaa Fi Raayyaa Ittisaa Biyyaa Irra Miidhaan Qaqqabeera


Amhara region
Amhara region

Naannoo bulchiinsa Amaaraa godina Goojjam bahaa aanaa Debre Eliyaas ganda Degoolimmaa keessatti kan argamu Gadaamii “Silaasee Andinet” jedahnu keessatti waltibu’insa umameen sivilonii fi miseensonii raayya ittisa biyyaa dhibaan lakkawaman miidhamuu isaanii jiraattonii fi maddeewwan Hospiitaalaa Sagalee Amerikaatti himaniiru.

Waajjirri nagaa fi nageenyaa aanaa Debre Eliyaas dhimma kana irratti ibsa baaseen gadaamichii bakka hidhattoonni itti maandhefatan ta’uu isaa ibsee, raayyan itti biyyaa bakka sana hidhattootaa irraa qulquleesuuf tarkaanfi addaa fudhateen gadaamicha irratti miidhaan qaqqabuu isaa ibsii jira.

Tajaajila Xabalaaf jedhee gadaamicha keessaa akka tureefi haalii “walwaraansaa” jedhee waame isa muudachuu isaa nammii ibseefi bala isa muudateen miilaa isaa tokko kan dhabe mana yaalaa Dambacaa keessatti waldhaanamaa akka jiru sagalee Amerikaaf ibsera.

Maqaan isaanii akka hin dhahamnee kan gaafatan haakimiin hospitaala Debre Eliyaas keessa hojjatan tokko lola torban kaleessa kamisa taasifame keessatti kan madaa’an miseensonni Ittisa biyyaa 200 gadi hintaane hospitaala seenuu isaanii ibsanii, isaan keessaa lolottoonni 10 du’uu isaanii akka himan beekameera.

Waldaa amantaa Ortodoksii Itiyoophiyaati waajjirri Quunamtii hawaasaa dhimichaa irratti qorannoo taasisee akka ibsa kennu himuu isaa gabaasni Asteer Misgaanaawu Baahir Daar irraa, Eden Geremewu immoo Washingiton Diisii irraa qindeesan kun ibseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG