Xurree ittiin seenan

Breaking News

Garewwan Sudan Wal-Waraanaa Jiran Lola Isaanii Ittuma Fufanii Jiru


Faayilii- Wal Waraansa Sudaan
Faayilii- Wal Waraansa Sudaan

Erga waligalteen dhukaasaa dhaabuu gar gar citee as gareewwan Sudaan keessatti walwaraanaa jiran kaleessaa galgaalaa kaasee amma jimaata har’aa ganamaatti magaalaa Kaartuumii fi Undurumaan keessatti lola itti fufanii jiru.

Namoottan magaala Kaartuumi fi magaalaa Umdurumaan keessaa jiran waabeffachuudhaan maddi oduu Rooyoters akka gabaasetti, gareen waraanaa Sudhaan inni Jeeneraal al Burhaanidhaan hogganamuu haleellaa xiyyaara fi meeshaale waraanaa gurgudaadhaan taasisuu baldhinaan itti fufee jira.

akka maddii oduu kun dabalee ibseetti, waraanii Sudaan haleellaa isaa cimse itti fufus gareen waraana dafee qaqqabaa inni Jeneraal Hamdaan Dagaalootiin hogganamuu daandiwwan magaalotaa fi manoottan keessa maandhafatee jiruu gad lakkisee bahuu isaaf malattoon agarsiisu hin jiru.

Walwaraansaa itti fufee kana ilaachisuudhaan jiraatan kibba magaalaa kaartuum Shehab al Din Abdurahimaan , Haalaa Shororkeessaa fi wareeraa keessaa jirra jechuudhaa oduu gabastotaatti himuun isaa gabaasameera.

Walwaraansaa torban Torba ta’e Kanaan namoonni miiliyoonii 1.2 biyya keessatti jireenyaa isaanii irraa kan buqqa’an yemmuu ta’u, namoonni kuma 400 ol ta’anu immoo biyyoottan ollaatti baqataniiru.

Kanneen keessaa lammiileen Sudaan kuma 100 t’an kan baqatan garaa biyyaa Chaadti ta’uu isaa kan ibsee gabaasiin Rooyiters, dhaabbata mottumootaa gamtoomaanitti jarmiyaan dhimmaa baqattootaa/ UNHCR namoottan walwaraansaa kannan jireenyaa isaanii dhiisanii godaanan gargaarudhaaf Doolaarri miiliyoonii 200 fi miiliyooniin 14 akka isaa barbaachisuu ibsee, sana keessaa amma ammaatti dhibeentaa 16 qofaa akka argatee beeksisee jira.

Gareewwan Sudaan walwaraanaa jiran waligaltee dhukaasaa dhaabuu Sa’ud Arbiyaa/ Jidaah keessatti taasisan cabsuu isaaniitiif Yunaayitid Isteets hoggantootaa waraanaa garee lammanii irraatti murtoo qoqqobii diinagdee fi Viizaa dabarsuun ishee ni beekama.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG