Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mormii Senegaal keessatti Taasifameen Namoonni Sagal Du’uun Beekame


Faayilii-Hookkara Senegaal Keessaa
Faayilii-Hookkara Senegaal Keessaa

Murtoo hidhaa hogganaa paartii mormiitotaa Seenegaal O’usmaani Soonkootin walqabatee mormii kamisa kaleessaa taasifamee irrati kan hirmaatan namoonni Sagal du’un isaanii gabasaameera.

Murtoo kana hordofuudhaan jeequmsaa umameen qabeenya mootumma fi kan dhuunfaa irratti badinsii raawwachuu isaa tamsaasa televijiinii biyyaalesaa irratti kan dubbatan, ministeerri dhimma biyya keessaa mootummaa Seenegaal Antoonii Di’omee, sababa jequmsa Kanaan magaala Daakarii fi Ziigu’inchoor keessatti lubbuun namoottan Sagalii darbuu isaa ibsaniiru.

Nammii Umuriin isaanii wagga 48 ta’eefi hogganaa partii mormitootaa “PASTEF – Patriots” jedhamuu kan ta’an O’usimaanii Soonkoo, yakkaa dirqiidhaan gudeeduutiin himatamanii dhimmi isaanii mana murtitti ergaa dhihaatee booda, himannaa dirqiidhaan gudeeduu irraa bilisa akka ta’an ibsamee, haala malaan maltummaa dargaggotaa, keessuumaa Ijooleewwan durbaa wagga 21 gadii irraatti raawwataniiru jedhamanin garuu adabbiin hidhaa wagga lamaa itti murtaa’ee jira.

Roobii dheengaddaa deggertoonni isaanii akka mormii “ hiriiraa Bilisummaa” jedhanii moggaasan irraatti hirmaatan kan wamichaa taasisan O’usimaani Soonkoo, murtoon hidhaa kan irratti darbee bakka isaan dhadachaa irratti hin argaminite yemmuu ta’u, abukaatooni isaanii akka jedhanitti murtoon hidhaa kun maamilli isaanii filannoo prezidaantummaa kan bara 2024 taasisamuuf deemu irraatti akka hin hirmaanne gochuudhaaf jechuudhaan ibsuun isaanii beekameera.

Dubbi himaan mootummaa Seenegaal Abdo’u Kariim Foofana gama isaaniitiin maniin murti walabaa fi iftoominaan kan hojjaatuudhaa jedhaniiru.

Murtoon adabbii hidhaa kun Soonkoo irratti darbuu isaa guyyaa tokkoon duraa gaafaa guyyaa Roobii, Prezidaantiin Seenegaala Maakii Saal muddama biyyatti keessaa jiru laafisuudhaaf jecha marii biyyaalessaa umnoottan siyaasaa, hawaasinii siviilotaa, hoggantoonni amantaa fi waldaaleen daldalaa irraatti hirmaata taasisuudhaaf waamicha dhiheesuun isaanii gabaasameera. Marii torban lamman dhufan keessatti tasifamaa jidhame irratti paartileen siyyaasa irraatii hirmaachuu dhiisuu danada’u jechuudhaan maddaaleen oduu gabaasanii jiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG