Xurree ittiin seenan

Breaking News

Manni-Maree Murtii Seeraa Yokaan Senetiin Yunaayitid Isteets Seera Daangaa Liqii Raggaasiseera


FAAYILII -Manni-Maree Murtii Seeraa Yokaan Senetiin Yunaayitid Isteets Seera Daangaa Liqii Raggaasiseera Waxabajjii 1, bara 2023
FAAYILII -Manni-Maree Murtii Seeraa Yokaan Senetiin Yunaayitid Isteets Seera Daangaa Liqii Raggaasiseera Waxabajjii 1, bara 2023

Seenetiin mootummaa Yunaayitid Isteets kamisa kaleessaa galgala walgahii taasiseen mootummaan akka baasii isaa kaffaluu itti fufu sagaleedhaan murteessaa jira. ittu Senetiin eeyamuu baatee motummaan guyyaa afuran dufan boodaa maallaqa baasio isaatiif kaffaalu hin qabaatuu ture.

Erga manni maree bakka bu’ootaa ykn kongreesiin Roobii galagalaa garagarummaa sagalee 314 fi 117n seeraa baaxii liqii deggeree murteessee boodaa , kan dhimmicha irratti murtoo dhumaa kennuudhaaf walgahe Seenetiin mootummaa Yunaayitid Isteets seerichaa kan dabarsee garagarummaa sagalee 63 fi 36n.

Seerii kun daangaa liqii isaa bara daarbee irraatti , waaan haaraa ittuu hin dabalin amma Amajii 2 bara 2025 ergaa filannoon prezidaantummaa dhufu raawwatee ji’a lamaa boodaatti akka itti fufudha kan murtesse.

Sagalee mana maree bakka bu’ootaatin kenname irratti miseensonni paarti Repaablikaanotaa 71 fi miseensonni Paaritii Demokraatotaa 46 seerichaa deggeruu baatamuus sagalee deggeresaa waliigalatiin daangaan baaxiin liqii wagga tokkoof walakkaa dhufuuf Doolaala Tiriliiyoonii 31.4 akka ta’u murtaa’era. Seerrichii erga prezidaantii Baayideen irratti mallateessanii boodaa hojii irraa kan oolu ta’a.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG