Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tigraay Lixaa Keessatti Hiriirri Mormii Taasifamee Jira


FAAYILII - Qarqara magaala Humaraa, naannoo Tigray
FAAYILII - Qarqara magaala Humaraa, naannoo Tigray

Naannoo kibbaa Itiyoophiyaa bakkeewwan gaaffiin irratti ka’aa jiru keessaatti namoonni kuma kudhaniin lakkawaman hiriiraa mormii taasisuudhaan bakki sun kutaa naannoo Amaaraa ta’uu isaanii mootummaan akka mirkaneesu fi rammadii baajataa irratti gaaffii dhiheesani jiru.

Hiriirawwan mormii kun kan taasifaman magaalotaa Humaraa, Daanshaa, Maay kaadiraa, Addi Remetsi fi Ba’iheer keessatti yommuu ta’u, bulchiinsi yeroo naannoo Tigraayi hiriirichii waliigaltee Mootummaa feederaalaa wajjin taasifameen faallaa akka ta’e ibsee jira.

Hirmaattonni hiriirichaa warreen dhiheenya kana naannoo Amaaraa irraa dhufaanii qubatani fi namoota dirqiidhaan baafaman akka ta’an kan ibsan. Dubbii himaan mootummaa yeroo naannoo Tigraay, obbo Redaa’i Haallefoom akka VOA ti himanitti,mormiin taasifame kun waligaltee nageenyaa mootummaa feederaalaa fi ABUT gidduutti taaifame kan dhiibu ta’uu isaa himaniru.

Jiraata magaalaa Humeraa kan ta’an nammi Girmaay Gebreehiyiweet jedhaman, hiriirichi gaaffii Walqaayitiif deebiin seeraa qabeessa ta’e akka kennamuu gaafachuu akka ta’e himaniiru.

Waligalteen nageenyaa mallateefamus, lixa Tigraay Walqaayit irratti , kibba Tigraay godina Raayyaa irratti naannoon Tigraayii fi naannoon Amaaraa wal falmii isaanii itti fufanii akka jiran gabaasinni Asteer Misgaanawu fi Mulugeetaa Atsibihaa naannoo Amaaraa fi naannoo Tigraay irraa VOAf ergan ibseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG