Xurree ittiin seenan

Breaking News

Somaaliyaa Keessatti Loltoonni Ugaandaa 54 Ajjeesamuu Prezidaantin Ugaandaa Dubbatan


FAAYILII - Prezidaantii Ugaandaa Yuweerii Museveenii, Naayroobii Keeniyaa, Guraandhala 11, 2020.
FAAYILII - Prezidaantii Ugaandaa Yuweerii Museveenii, Naayroobii Keeniyaa, Guraandhala 11, 2020.

Loltoonni mootumma Ugaandaa nageenyaa kabachiisuudhaaf Somaaliyaa keessaa tura 54 garee Al shabaabiin ajjeefamuu isaanii prezidaantiin Ugaandaa Yuweerii Museveenii ibsaniiru.

Prezidaantichi fuulaa Tiwutarii isaanii irratti Sambata dheengadaa akka ibsanitti, ajajootaa dabalatee miseensonni humna waraanaa biyyaa isaanii 54 du’uun isaani ifa taasisaniiru.

Dilbata kaleessaa walgahii paarti isaanii isa biyyaa bulchaa jiruu irratti dhimma kana kan dubbatan Prezidaant Museveeniin, loltoonni biyyaa isaanii waan isaan irraa eegamu waan hin raawwaneef balaan sun isaan muudachuu danda’ee jira jedhan.

Akka loltoonni isaanii bakka qabatan gad lakkisaanii doodaatti deebi’am ajaja kan kennan jeeneeralonni lama Meejer Oluukuu fi Meejer Obbo kan jedhaman ta’uu ibsanii ajajoonii lammanuu mana murtii waraanaa irratti dhihaatanii akka itti gaafataman ibsaniiru.

Gareen hidhatootaa Somaaliyaa keessa Socho’aa jiru Al Shabaab, buufata waraana Ugaandaa magaalaa Buloo Maareer ti argamu irratti haleellaa kana kan raawwate Caamsaa 26 yommuu ta’u, tarkaanfii kanaanis loltoota miseensa naga kabachistota gamtaa Afrikaa 137 akka ajjeese ibsuun isaa gabaasameera.

Ergaa haleellaan kun raawwatee guyyaa tokko booda naannoo bakka buufata waraanaa kanaa irratti haleellaa xiyyaaraa waraanaa taasisuu isaa kan ibsee Afrikaatti ajajaan waraanaa Yunaayitid Isteets haleellaa kanaan meeshaalee waraanaa al shabaabiin fudhataman barbadeessuu isaa ibsuun isaa beekameera. Meeshaaleen waraanaa Al shabaab waraan Ugaandaa irraa fudhate maalfaa akka ta’e hin ibsamne.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG