Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hidhaa Humna Ibsaa maddisiisu Yukireen Keessaa Tokkoo Irratti Haleellan Geggeeffame


Suuraa saatelaayitii hidha Noovaa Kakovikaa haleellaadhan miidhae agarsiisu, Kersoona, Waxabajjii 6, 2023, Suuraa Rooyersiif kenname
Suuraa saatelaayitii hidha Noovaa Kakovikaa haleellaadhan miidhae agarsiisu, Kersoona, Waxabajjii 6, 2023, Suuraa Rooyersiif kenname

Hidhaa bishaanii Kahoovkaa kan humna ibsaa maddisiisu kibba Yuukireen naannoo Kiheersoonitti argamurratti halleellaan raawwatameera. Halleellaa raawwatame kanaaf Yuukireenii Raashiyaan walii walii isaanii komaachaa jiru. Bakki halleellaan kun itti raawwate humnoota waraanaa Raashiyaan qabamee kan jiru yommuu ta’u namoonni naannoo laga Nippiroo jiraatan akka naannoo sanaa deemaniif akkeekkachiisni kennameeraaf.

Pireezidaantiin Yuukireen Volodiimiyiir Ziileeniskii Erga Halleellaan kun

raawwatee booda humnoota Nageenyaa biyyaaleessaa fi ajajoota humna waraanaa isaanii yaa’ii ariifachiisaa waamaniiru haala taatee kanaarratti marii’achuuf.

Hidha bishaanii Kahoovkaa kan humna ibsaa maddisiisu irratti halleellaan raawwatuu kan mirkaneessan Volodiimiyiir Ziileeniskii Addunyaan kana beeku qaba , kun kan raawwate lafa Yuukireen keessatti shororkeessitoonni kan raawwatanidha. Lafa keenya Meetrii tokkollee hin dhiisnuuf. Sababiin isaas lafa keenya hojii shororkeessummaaf oolfatu. Nagaa fiduu kan danda’u moo’icha Yuukireen qofa . Moo’ichi kunis dhufuuf jira jechuun fuula Tiwuuteerii isaanii irratti barreessan Pireeziidantiin Yuukireen. Itti dabaluunis Shoroorkeessitoonni humna Yuukireen Bishaaniinis , Misaa’eelanis ta’e waan fedheenuu dhaabuu hin danda’an jedhan.

Itti gaafatamaan waajjira Pireezidaantii bulchiinsa Yuukireen Andirii Yeermark fuula miidiyaa hawaasaa Teelegiraamii isaanii irratti akka barreessannitti halleellaan Raashiyaan hidhaa bishaanii kanarratti raawwate yakkka waraanaa naannoo uumamaa balleessuti jedhan. Hooggantoonni Raashiyaa gama isaaniin Yuukireen halleellaa xiyyaaraan hidha bishaanii akka rukkutte ibsaa jiru.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Ejeensiin gargaarsa Namoomaa fuula Tiwiiterii isaa irratti akka ibsetti halleellaan hidha bishaanii Kahoovkaa irratti raawwatame namoota nagaa kumaatamaan lakka’aaman mana malee hambisuun gargaarsa namoomaa baay’ee barabaadu jedheera. Jeneeraal Yeensi Istoolteenbergi hoogganaan NATO kuni gocha badaa Raashiyaan Yuukireen irratti raawwatte jedhaniiru.

Pireezidaantiin Gamtaa Awuuroopaa Chaarlees Mikeel gama isaaniin halleellaa rifaasisaa ta’uu ibsuun gamtaan isaanii yaa’ii ji’a kana keessa taa’urratti dhimma ijoo godhee ni marii’atas jedhanii bu’uuraalee misomaa uummanni nagaan itti fayyadamu humna waraanaan barbadeessuun ifatti yakka waraanaati. Kanaafis Raashiyaan itti gaafamati jechuun fuula Tiwuuterii isaaniirratti barreessaniiru Mikeel.

Ministirri Waraanaa Yuukireen gama isaan Kibxata ganama Misaa’eelloonni 35 Raashiyaa irraa gara Yuukireenitti dhukaafaman hundinuu fashaluu isaanii ibsuun kanneen dhukaafaman kunis magaalaa guddoo Yuukireen Keeyiv irratti kan qiyyaafatan turan jedheera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG