Xurree ittiin seenan

Breaking News

Godina Haadiyyaa Keessatti Namoonni 19 Miindaan Akka Baasamuuf Gaafachuun Walqabatee Hidhaman Gad-dhiisaman


Gabatee gurrachaa mana barumsaa keessaatti (suuraa faayilii)
Gabatee gurrachaa mana barumsaa keessaatti (suuraa faayilii)

Bulchiinsa naannoo Itiyoophiyaa gama kibbaa godiina Haadiyyaa aanaa Baadawaachoo bahaa keessatti, mindaan baatiin yeroo isaa eegee baafamuufii Dhaba irraa hojjatonni gaaffii dhiyeessan, har’a hidhaa hiikamuun isaanii RSAtti himanii jiru.

Maaliif akka hidhaman kan hin beeknee namoonnii 19 guyyoota 49 hidhaa keessa eega turfamanii booda, abbaan alangaa himannaa ragaan deggerame dhiyeessuu dadhabuu isaan isin bilisa jedhamuun wabii qarshii kuma 50n hiikamuu isaanii dubbatu.

Yoo abbaan alangaa ragaa isin irratti argatee garu himannaan isin irraatti dhiyaata jedhamee itti himamuu ibsan,

Waa’ee hidhaa baafamuu namoota kanaa kan gaafataman bulchaan godinaa Obbo Abrahaam Maccaa, kan hidhamaniif mindaa isaanii waan gaafataniif miti, hojii yakkaatti waan hirmaataniif malee, kanaaf dhimmi isaanii kan hin xumuramnee fi deemsa qorannaa irra akka jiru dubbachuun alatti ibsa bal’aa hin laanne.

Aguuggii Gaaffii mindaan jeequumsa kakaastan kan jedhuun hojjattoonni 40ni hidhaaf saaxilamuu isaanii, RSA duraan kan gabaasee yoo ta’u warri har’a gadhiifaman kun hidhaa keessa turan keessaati jechuun Yoonaataan Zabdiwoos Haawaasaa irraa gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG