Xurree ittiin seenan

Breaking News

Miseensooni Mana Maree Mormiitootaa Amaaraa Mootummaan Sochii Waraanaa Naannoo Sana Keessaa Akka Dhaabatu Gaafatan


Miseensonni mana maree mormitootaa naannoo Amaaraa 13, kan Sochii Biyyoolessaa Amaaraa bakka bu’uun, Mootummaan federaalaa sochii waraanaa naannicha keessatti godhu akka dhaabu gaafataniiru.

Ibsa jalqaba torban kanaa baaseen, miseensonni mana maree naannoo Sanaa loltoonni federaalaa naannichatti bobbaasuun ''heera mootummaa kan faallessu'' jechuun ibsaniiru.

Heera mootummaa keewwata 51 heer-keewwata, mootummaan federaalaa "gaaffii bulchiinsa naannoo qofaan, humnoota ittisa Federaalaa bobbaasuun haala nageenyaa hammaataa dhufe yeroo aanga'oonni isaa to'achuu dadhabanitti to'annoo jala oolchuuf ni bobbaasa" jedhu eeraniiru.

Mootummaan miseensota humnoota addaa naannolee caasaa nageenyaa adda addaatti makamuuf murtee dabarsee fi ajjeechaa itti gaafatamaa Paartii Badhaadhina Amaaraa fi miseensa koree hojii raawwachiiftuu paartichaa kan ta'an Obbo Girmaa Yeshixilaa Caamsaa darbe ajjeechaa irratti raawwatameen haalli nageenyaa naannoo Amaaraa hammaate jechuun Asteer Misgaanaaw Baahir Daar irraa gabaastee jirti.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG