Xurree ittiin seenan

Breaking News

Antonii Bliinkan Sawudii Arabiyaatti Hoogganaa Biyyattii Waliin Dubbatan


Ministirri Dhimma Alaa Yunaaytid Isteetis Antonii Bliinken, Riyad, Sawudii Arabiyaa, Robii, Waxabajii 7, 2023.
Ministirri Dhimma Alaa Yunaaytid Isteetis Antonii Bliinken, Riyad, Sawudii Arabiyaa, Robii, Waxabajii 7, 2023.

Ministirri Dhimma Alaa Yunaaytid Isteetis Antonii Bliinken Kibxata kaleessaa Sa’uudii Arabiyaa kan seenan yoo ta’u, boodarra hariiroon Riyaad fi Waashingitan gidduu jiru walxaxaa ta’e keessatti mootii gonfoo dhaaluuf jiran Mohaammad bin Salmaan waliin wal argan.

Blinken erga dippilomaatii sadarkaa olaanaa Ameerikaa ta’anii as imalli gara Sa’uudii Arabiyaatti taasiisan kun isa lammaffaa yoo ta’u, Riyaad dhukuta boba’aa gabaa addunyaaf dhiyeessuu keessatti Raashiyaa waliin michuu ta’uuf fedhii qabaachuu fi Iraan immo Chaayinaan gidduu galeessa godhate waliin waliigaltee irra ga’uu ishee irratti prezidaant Joo Baayiden waliin irra deddeebiin wal dhabdee turte.

Baayiden ajjeechaa bara 2018 barreessaa barruu Waashingitan Poostii Jamaal Khaashogjii irratti raawwatameen Sa’uudii Arabiyaa addunyaa irratti kan tuffatamte gochuufis waadaa galan.

Blinken gara Sa’uudii Arabiyaatti imaluun, akka sadarkaa addunyaatti hirmaachuuf fedhii guddaa qaban irraa kan dhufe yoo ta’u, keessumaa waraana Moskoon Yukireen irratti geggeessite keessatti wal jijjiirraa hidhamtootaa irratti erga hirmaatee booda.

Mootummaan kun ji’a darbe walgahii Liigii Arabaa irratti pirezidaantii Yukireen Volodymyr Zelenskyy kan keessummeessite yoo ta’u, battaluma sanatti ministeera biyya keessaa Raashiyaa qoqqobbii irra kaa’ame.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG