Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gareelee Sudaan Wal-Waraanaan Warshaa Meeshaa Wal Harkaa Baafachuuf Lola Geggeessan Irratti Ibiddi Guddaan Ka'uun Dhaga'ame 


Abiddaa fi aaraa magaala Kaartuum keessatti, Waxabajjii 7, 2023.
Abiddaa fi aaraa magaala Kaartuum keessatti, Waxabajjii 7, 2023.

Lolli Sudaan Keessaa ji’oota Lamaaf deemaa jiru Roobii kaleessaa akka haaraatti Magaalota akka Kahaartuum, Bahir fi Omdurmaan keessatti ganamarraa kaasee waraanni gaggeeffamaa jiraachuu jiraattonni himu. Roobii waxabajjii 7 bara 2023 darbe Gamoo humna waraanaa Sudaan kan kibba Kahaartuum argamutti haleellaa raawwatameen abaddi qabatee gubachaa akka jiru jiraattoonni himan.

Gareen humna addaa Mohaammed Hamdaa Dagalooniin hoogganaman waaraana torboonata Saddeetiif gaggeessaa turan keessatti Kibxata darbe bakka humna waraanaa Sudaaniin eegumsa cimaa qabuu gamo Yaarmook jedhamuun beekamu to’achuu isaanii namoonni ijaan argan himaniiru. Gamoo kana keessa meesshaaleen waraanaa hedduun akka jiruu fi Viidiyoo Roobii darbe gareen humna addaa kun gadhiiseenimmoo kuusaa meeshaalee waraanaa kan Sudaan kana to’achuusaa agarsiiseera. Garee humnoota Addaa kana bakka sana akka hin qabanne ittisuuf humni waraanaa Sudaan haleellaa qilleensarraallee fudhachaa ture garuu hin dandeenye jedhu namoonni ijaan argan.

Humnoonni waraanaa Sudaan lamaan waraanaa dhaabuuf walii galanillee akka walii galtee isaaniitti guyyichi gaafa waxabajjii 3 kan dhume hojiirra osoo hin ooliin hafee magaaloota Sadii Kahaartuum,Bahrii, fi Omdurmaan akka haaraatti jeequmsaatti galaniiru. Magaaloota Sadankana keessatti Roobii kaleessaa ganama wal waraansi kan jalqabe hanga galgala biiftuun seentutti dhohiinsoonni gurguddoon akka malee dhaga’amaa jiraachuutu himame.

Viidiyoon Kibba Magaalaa Kaahaartuum ta’uu agarsiisu aarri samii keessatti hedduu ol ka’ee mul’achuu fi dhohinsoonni jiraachuu agarsiisa. Bakki Aarri kun mul’atu addatti bakkasaa beekuuf rakkisaadha kan jedhe gabaasni Reyooters garuu dhohiinsoonni gurguddoon jiraachuu namatti agarsiisa jedha.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG