Hooggantoonni Olaanoon Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii daawwannaa biyya Rippaabuulika Dimookiraatawwaa Koongoott taasisaniin humnoonni gola nagaa eegumsaa Koongoo keessaa akka baafaman gaafatan.
Gareen hooggantoota Ol aanoo kun Roobii darbe kana daawwannaa isaa Ruppaabulika Dimokiraatawwaa Koongoo keessatti kan gaggeesse humnoonni gola nagaa eegsiftootaa kan Koongoo keessa jiran yeroo gabaabaatti akka ba’an jedheera. Daawwannichaan booda Magaalaa Kiinshaasaa keessatti saba himaaleef ibsa kan kennan Zhaan Piiyee Laakoraayi dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti itti waamamaan dhimma nagaa eegumsaa Mootummaan ruppaalika koongos ta’e Uummanni Koongoo humnoonni hidhatanii biyyicha keessa socho’an gara nagaatti fiduutti socho’uu qabu jedhan.
Gareen gola nagaa eegumsaa Ruppaabulika Dimookiraatawwaa Koongoo keessaa MONUSCO jedhamuun beekamu bara 1999 irraa kaasee Achuma kan turee akka Addunyaatti humna waraanaa waggaatti baajanni isaa doolaara biiliyoona tokko ta’edha. Garee hidhattootaa lixa biyyattii bakka baay’inaan Albudaan badhaate to’achuuf loltoonni 16,000 kan nagaa eegsiisasn biyyattii keessa jiru.
Humnoota waraanaa nagaa eegiftoota Ruppaabiliika Dimokiraatawwaa Koongoo keessa jiran jeequmsoota biyyattii keessaa to’achuu hin dandeenye jechuun waggaa tokko dura ummanni biyyattii hiriira irratti ba’uun lubbuun namoota baay’ee dasrbuuf sababa ta’ee ture. Namoonni baay’een amma Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii humnoota gola nagaa eegumsaa baasuuf murteessuun yeroo sirrii jedhanis kanneen sodaa nageenyaa qabanis jiru.
Zhaan Piiyee Laakoraayi Ibsa isaanii keessatti himaannaawwan humnoota waraa nagaa eegisistoota iirrati ka’u soba ta’uu dubbatanii uummanni lixa Ruppaabulika Dimokiraatawwaa Koongoo erga loltoonni gola nagaa eegumsaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii dhufanii eegumsa argachuu himanii ammayyuu humni waraanaa kun as akka turu fedhii qabu. Garuu Angawoonni Koongoo hatattaman akka baanuuf nu gaafataniiru jedhan.
Gareen loltoota nagaa eegumsaa kan biyyoota Afrikaa lixaa ammayyuu Koongoo kessa kan jiran yommuu ta’u , kannanneen biyyoota Afrikaa Kibbaa garuu achi keessaa baasaniiru. Gareen hidhattootaa Koongoo gama lixaa jiran baroota 1990 n mootaa hanga bara 2000 tti waraana taasisaniin lubbuun namoota baay’ee galaafachuu fi namoonni miiliyoona tokko ta’an qe’ee isaaniirraa buqqa’uuf sababa jedha dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii.
Forum