Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sagantaan Nyaata Adduunyaa Garagaarsa Nyaataa Itiyoophiyaaaf Kennu Yeroof Dhaabuu Beeksise 


WFP
WFP

Dhaabbata mootumoota gamtoomaniitti sagaantaan midhaan nyaata adduunyaa/ WFPn deggersa midhaan nyaataa Itiyoophiyaadhaaf kennu yeroodhaaf addaan kuutuu isaa jimaata har’aa ibsee jira.

Ibsi WFP kun kan ifa ta’ee erggaa dhaabbanni misoomaa adduunyaa kan yunaayitid Isteets ykn USAID gargaarsa midhaan nyaataa Itiyoophiyaadhaaf taasisuu yeroodhaaf addaan kutuu isaa beeksisee guyyaa tokkoo boodaa. Dhaabbileen lammanuu murtoo kana irraa kan gahan midhaan gargaarsaa namoottaan barbaachisaa ta’ee alatti garaa biraatti dabarfamaa jira jechuudhaan akka ta’e gabaasameera.

Nyaataa gargaarsaa gara biraatii maqsuun ykn gurgurtaadhaaf dhiheessuun waan fudhatama hin qabnee ta’uu isaa kan ibasan dareekteerri WFP Siindii Maakeen, mootummaan Itiyoophiyaa dhimmichaa qoratee, qaamolee itti gafatamoo ta’an addaa basuudhaaf waadaa seenuu isaa simachuu isanii ibsaniiru.

USAID , WFP fi mootummaan Itiyoophiyaa midhaan gargaarsaa kaayyoo isaa irraa maqisuudhaan eenyu akka itti gaafatamuu qabu addaan baasanii ibsuu baatanus, maddi oduu Assoosheetid Prees torban kana gabaasaa dhiheesseen, qaamoleen mootummaa feederaalaa, mootumaawwaan bulchiinsaa naannoo fi umnoottan waraanaa gargaarsaa kanaan fayyadamaa jiruu jechuudhaan quba itti qabee jira.

Dhaabbanni misoomaa adduunyaa kan Yunaayitid Isteets /USAID fi ministrri dhimmaa alaa mootummaa Itiyoopiyaa kamisa kaleessaa ibsa waloodhaan baasaniin, gareewwaan gochaa midhaan gargaarsaa kana irraatti raawatameef warren harka keessaa qaban akka itti gaafatamuu qaban beeksisaniiru.

Gargaarsaa midhaan nyaata kan addaan kutuun jalqabamee ji’a darbe naannoo Tigraay keessaatti yemuu ta’u, gochii naanicha keessaatit raawwatamee qoratamaa akka jirus beekamera.

Sababa hongee fi walti bu’iinsaatin kan ka’e lammiileen Itiyophiyaa Miiliyoonii 20 ta’an gargaarsi namoomaa akka isaan barbaachisu ibsii dhaabilee gargaarsaa eereraa. Dhaabbanii sagantaa nyaata adduunyaa WFPn sagantaalee gargaarsaa biroo kan daa’imaanni, kan haadholii fi kan horsiisee bultootaa warren hongeedhaan miidhamanii akka itti fufu Jimaata har’aa ibsa kenneen beeksisee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG