Xurree ittiin seenan

Breaking News

Namoonni Walwaraansa Sudaan Jalaa Baqatanii  Itiyoophiyaa Seenan Heddumminaan Itti Fufuu Tokkummaan Mootummootaa Beeksise 


Baqattoota Sudaan
Baqattoota Sudaan

Sababa Walwaraansaa Sudaan keessatti taasifamaa jiruun namoottan baqatanii daanagaa Itiyoophiyaa seenaa jiran keessaa namoonii 4000 magaala Matammaa keessa akka jiran ibsee jira.

Caalaan isaanii lammiilee Itiyoophiyaa kan ta’an namoonni kuma 41 fi 200 ta’an amma ji’a Waxabajjii Jahaati dangaa Itiyoophiyaa seenuu isaanii kan ibsee dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti, biiroon qindeessa gargaarsa namoomaa/OCHAn magaalaa Matamaatiin guyyaatti otuu wal irraa hincitin nammonni 700 amma 1000 galmaawaa jiru. Isaan keessaa baqattoonni fi koolugaltoonni biyyoottan biraa 4000 fi lammiileen Itiyoophiyaa 8 bakka gargaarsaa gahaa argachuu hin dandeenyee buufata kellaa Matammaa irratti argamu.

Namoottaan daangaa irratti qabamanii jiran kanaaf midhaan ho’aan, bishaan dhugaatii fi waldhaansi fayyaa kennamaafii jirus, gargaarsii taasifamaafii jiru baayi’ana isaanii wajjin kan walgitu akka hin taane gabaasaan kun ibseera.

Sababa walwaraansaa Kanaan Sudaan keessaa kan baqatan lammiileen Itiyoophiyaa 19, 500 Matammaa irraa gara bakka deemuu barbaadanutti dabarfamuu isaanii kan ibse OCHAn, warreen lammiilee biyya biraa ta’aniif mooraa baqattootaa haaraa bakka magaala Matammaa irraa Kiilomeetirii 70 fagaatee argamuufi Kumer jedhamee beekamutti ijaaruun akka jalqabamee ibseeraa.

Baqattoonni kun karaa matammaatiin alattis , karaa naannoo Gambeelaa, karaa godina Matakkal, karaa Asoosaa Itiyoophiyaa seenaa jiraachuu isaanii gabaasaan OCHA kun dabalee ibseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG