Xurree ittiin seenan

Breaking News

Poolisiin Naannoo Bulchiinsaa Amaaraa Maallaqa Sobaa Naannicha Keessa Socho’u To'achuu Isaa Ibse


Amhara region
Amhara region

Akka poolisiin naanichaa ibsetti ji’oottan sagalan darban keessaatti maallaqinni sobaa Biriin Itiyoophiyaa Miiliyoonii 16 fi Doolarri kumni 98 kan ta’an too’annoo jala olaniiru.

Komishiinii poolisii naannichaatti itti anaa itti gaafatamaa Kutaa qorannoo kan ta’an Kinduu Waldee akka VOA ti himanitti, maallaqawwan sobaa kun kan tatamsa’anii jiran, godinaalee Gondor kaabaa fi kibbaa akkasumas, godina walakkeesaa Gondor , magaalaa guddichaa naanichaa Baahir Daar keessatti akka ta’e ibsaaniiru.

Waldaa ogeesota diinagdee Itiyoophiyaatti qorataa kan ta’an Dokteer Adem teessoo akka VOAtti himanitti, qonnaan bultootaa rakkina maallaqa sobaa irraa baraaruudhaaf baankiin biyyaalessaa Itiyoophiyaa tajaajila, bittaa fi gurgurtaa karaa bilbila harkaatiin ykn “Mobaayil Baakiing” jedhamuu qonnaan bultootaaf mijeesuu akka qabu kan himan yoo tahu, yaadaa kana irratti deebii haanga’ootaa baankii biyyaalessaa argachuun akka hin danda’amne eereramee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG