Sudaanitti jilaa addaa mootummoota gamtoomanii kan ta’an Voolker Piritsi biyyaatti keessatti nama hin barbaadamnedha jedhamanii akka biyyattii hin seennee uguramuu isaanii mootummaan Sudaan beeksisee jira.
Jilli addaa Mootumootaa gamtoomaanii kun, walwaraansa biyyattii keessaatti adeemaa jiru jajjabeesuudhaan akka mootumaan aangoo gadi lakkisuu taasisuudhaaf hojjachaa jiru jechuudhaan hoogganaan humnA waraanaA biyyattiI erga himatanii torban lama booda.
HoOgganaan mootummaa Sudaan Jeneraal Abdul Fattaah Al Burhaanii ji’a darbe keessa xalayaa barreessaa muummee dhaabbata mootummoota gamtoomaniif barreesaniin, walwarannsii gareewwan waraana biyyattIi lamman gidduutti taasifamaa jiru akka hammaatu taasisaa jiruu jechuudhaan jila addaa kana balaaleffachuun isaanii ibsameera.
Barreessaan mootummoota gamtoomanii Antoniyoo Guterees himannaa mootummaa Sudaan kana mormuudhan jila addaa dhaabbatichaa wajjin dhaabachaa turanis, Kamisa kaleessaa xalayaan ministiraa dhimmaa alaa mootumaa Sudaan irraa isaaniif barreeffame akka Vookeer Piritsi Sudaan keessaatti hin baarbaadamne beeksiseera.
Bara 2021 kaasee ergamaa mootummoota gamtoomanii Sudaan keessatti kan hoogganaa jiran Jilli addaa kun, yommuu murtoon mootummaa Sudaan isaan irratti darbuu, marii diplomaatotaa irraatti hirmaachuudhaaf Finfinnee akka turan beekameera.
Walwaraansa ji’oottan lamaaf Sudaan keessatti itti fufe Kanaan namoonii 1800 du’anii, kuma 400 fi kuma 25 kan ta’am immoo gara biyyoottan ollaatti baqatanii akka jiranuu fi lammiileen biyyaatii Miiliyoonii 25 ta’an gargaarsi namoomaa akka isaan barbaachisu gabaasameera.
Forum