Xurree ittiin seenan

Breaking News

Qondaalli  Dhaabbata Mootumoota Gamtoomanii Kutaa Somaaliyaa Daawwatanii Jiru


Somaaliyaatti bakka buutuu addaa ka barreessaa tokkummaa mootummootaa Kaatiroonaa Laaying
Somaaliyaatti bakka buutuu addaa ka barreessaa tokkummaa mootummootaa Kaatiroonaa Laaying

Somaaliyaatti bakka buutuu addaa barreesaa muummee dhaabbata mootumoota gamtoomanii akka ta’an ji’a darbee keessa kan ramadaman Kaatiriin Laaying magaalaa Moqaadishoo keessaa bahuudhaan pireziidaantii bulchiinsaa naannoo Hiirshabalee Alii Abdulaahii Huseen fi miseensotaa kaabinee isaanii wajjin mariiyachuu isanii odeeffannoon mootummoota gamtoomanii ibseera.

Bulchiinsi Hirshabalee mootummaa feederaalaa Somaaliyaa wajjin hojjachuudhaaf fedhii inni agarsiisee kan dinqisifatan qondaalli dhaabbata mootumoota gamtoomanii, kutaan Hirshabalee nagaa qabeessaa fi dinagdeedhaan badhaadhaa akka ta’u dhaabanni isaanii akka bulchiinsaa naanichaa wajjin hojjatu ibsaniiru.

Dhaabbata mootumoota gamtoomaniitti Waajjirri qindeessaa gargaarsa namoomaa “OCHA”’n akka ibsetti, ji’a darbe keessa balaa lolaa bishanii kutaa Hirshabalee irra qaqqabeen manoota jireenyaa, lafa qonnaa fi beelladoonni manaa mancaa’anii, manneen baruumsaa fi dhaabbileen fayyaa akka cufaman taasisee jira. Namoottan kumaatamaan lakkawamanuu mana isaanii gadi dhiisuudhaan gara bakkaawan tabbaatii baqachuudhaaf dirqamaniru.

Miidhaa balaan lolaa kun qaqqabsiisefi gargaarsaa taasifamuu qabuu irraatti prezidaantii bulchiisaa naannoo Hirshaballe wajjin dubbachuu isaanii kan ibsan Kaatiriin Laaying waa’ee duulaa garee hidhatootaa Al shabaab irraatti taasifamaa jiruus ibsa argachuu isanii eeraniiru.

Mootummaa Yunaayitid Kiingdem keessaatti sadarkaa adda addaa irratti kan hojjatan Kaatriin Laaying erga Somaaliyaa seenanii booda, Prezidaanti mootummaa Somaaliyaa Hasen Sheek Mohaamadii fi muummee menisteeraa Haamzaa Abdii Baaree wajjin wal arganii maryachuun isaanii beekameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG