Xurree ittiin seenan

Breaking News

Doonaald Traamp Mana Murtiitti Akka Dhihaatan Ajajaman


Prezidaantii Ameerikaa duraanii Doonaald Tiraamp
Prezidaantii Ameerikaa duraanii Doonaald Tiraamp

Pirezidaantiin Yunaayitid Isteetsi duraanii Doonald Tiraamp erga aangoo mootummaa gadi lakkisanii boodaa, galmee mootummaa icitiidhaan qabamuun irra turee dhuunfaadhaan qabatanii argamuudhaan himatamanii mana murtiitti akka dhihaatan ajajni baheera.

Manni murti feederaalaa olaanaan kutaa kibbaa Yunaayitid Isteetsi Filooridaatti argamu pirezidaantii duraanii akka mana murtiitti dhihaatan ajajuu isaa , ministirri haqaa abukaatotaa isaaniitti himuu isaa kan ibsee yommuu ta’u Tiraamp mataan isaanii fuulaa Saba himaalee isaanii irratti mirkaneessuun isaanii beekameera.

Pirezidaantiin beekamaani fi Pirezidaantii kamiinuu caalaa kan sagalee argatee himatamuun isaa biyyaattiin kufaatii keessa jiraachuu ishee kan agarsiisuu akka ta’e kan ibsan Tiraampi irra deddebi’anii balleessaa akka hin qabne ibsuu isaanii maddii oduu Riiyoters gabaaseera.

Abukaatoon isaanii Jems Tirasti dhaabbata Televizhiiyoonii CNN fi akka ibsanitti, himannaa dhihaate keessaa , icciitii humna waraanaa beekaa dhuunfaa isaaniitiin qabatanii argamuu, ibsa dhugaa hin taanee kennuu fi shira xaxuudhaan akka ta’e ibsaniiru.

Doonaald Tiraamp Kibxata dhufu sa’aatii booda mana murtii feederaalaa magaalaa Mayaamiitti argamutti akka dhihaatan kan ibsan yommuu ta’u, himannaan isaan irratti dhihaatu Torba ta’uu isaa maddi oduu Assoosheetid Pirees namoottan dhimmichatti dhiheenya qaban waabeffachuudhaan gabaaseera.

Himannaan akkanaa mana murtii feederaalaa irratti yommuu pirezidaantii biyyattii duraanii irratti dhihaatu Tiraamp isa jalqabaa ta’uun isaanii gabaasameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG