Miidhaa wal waraanaa fi walitti bu’iinsa naannoolee Itoophiyaa adda addaa keessatti dhaqqabe, Doolaara biiliyoona 22.69 ta’u fi baajatni deebisanii dhaabuu fi deebisanii ijaaruuf barbaachisu Doolaara biiliyoona 19.73 akka ta’e qorannaa mootummaan Ityoophiyaa fi Baankii Addunyaatiin gaggeeffame hubachisee jira.
Workshopiin naannoolee Ityoophiyaa waraanaan miidhaman deebisanii dhaabuu fi deebisanii ijaaruu irratti Finfinnee keessa kan jiru, Hoteela Hayat Regency keessatti gaggeeffamaa jira. Ministirri Maallaqaa Ahmad Shide ibsa gaazexeessitootaaf kennuuf beellama qabatanii jiru.
Gama kaaniin, Bulchiinsi magaalaa Finfinnee tattaaffii deebisanii ijaaruu Tigraay keessaaf deggeruuf kan ooluu Qarshii miiliyoona 500 ol arjoomee jira Kantiibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adanach Abeebee, deeggarsa kana itti fufsiisuu akkasumas, adeemsa deebisanii ijaaruu saffisiisuuf cicha qaban ibsaniiru.
Forum