Itiyoophiyaaa kaabaa keessatti wal waraansa waggaa lamaa eega gaggeeffamee as yeroo duraaf bulchaan bulchiinsa yeroo kan Tigraay Obbo Geetaachoo Raddaan jilli hogganamuu,kaleess magaalaa Baahir Daar seenee jira.
Yeroo kanattis, bulchaa bulchiinsa naannoo Amaaraa Dr, Yiliqaal Kaffaalee fi aangawoota olaanoo kan bulchinsichaan simannaa taasisaniifii jiru. Qaama hawaasalee adda addaa waliin marii kan gaggeessan yoo ta’u,
Uummata Amaaraa fi Tigraau giddutti wal waraansii akka gaggeeffamu hogganoonni godhan, itti gaafatamoo ta’u kan ilaaleen, bakka bu’oota hawaasa irraa gaaffii ka’eef, Obbo Geetaacheew Raddaa deebii kennaniin, kan itti gaafatamuu qabu hundi ni gaafatama jedhan.
Geejiiba dabalatee talaajiiloota kanneen biro jalqabsisuuf akkasumas, gaaffii uummataa karaa nagaan deebii kennuuf, murannoo qabaachuu isaanii bulchiitoonni bulchiinsa Amaaraa fi Tigraay beeksisuu isaanii Asteer Misgaanaaw Baahir Daar irraa gabaastee jirti.
Forum