Xurree ittiin seenan

Breaking News

Leellistonni Moqadishoo Keessatti Hoteela Tokkorratti Haleellaa Gaggeessan


Hoteela Peerli Biich hidhattoota Al Shabaabin haleellame, Moqaadishoo, Somaaliyaa, Waxabajjii 10, 2023.
Hoteela Peerli Biich hidhattoota Al Shabaabin haleellame, Moqaadishoo, Somaaliyaa, Waxabajjii 10, 2023.

Somaaliyaa keessatti haleellaa leellistootaa sa’aatii dheeraaf magaalaa Moqaadishoo hoteela qarqara galaanaa jiru irratti Jimaata darbee galgalaa eegalee haleellaa gaggeessaa turan humnootiin nageenyaa xumuruu isaanii Miidiyaaleen mootummaa gabaasaa jiru.

Du'a dhaqqabee kamiyyuu ilaalchisee ifatti hatattamaan kan jedhamee hin jiru. Al-Qaayidaa Afriikaa Bahaa waliin hidhata kan qabu, Al-Shabab, haleellaa Jimaata galgala eegale kanaaf itti gaafatamummaa fudhateera.

Gareen finxaaleyyii Somaaliyaa keessa maadheeffate kun, Moqaadishoo keessatti hoteelotaa fi bakkeewwan beekamoo biroo irratti haleellaa raawwachuun kan beekamu yoo ta’u, yeroo baay’ee boombii of wareegdotaan eegala. Namoonni ijaan argan Asoosheetid Preesitti akka himanitti, namoonni hangi tokko hoteela Pearl Beach jedhamu kan qondaaltota mootummaa biratti jaallatamu keessa qabamaniiru.

Naannoo bashannanaa Lido Beach jedhamu kun, bakka Moqaadishoo keessatti baay’ee beekamaa keessaa isa tokko. Namni ijaan arge jedhe,Abdullee Alii fira isaa bade barbaaduuf bakka balaan kun itti dhaqqabe deeme, reeffa namoota afur ambulaansii keessa kaa'aman argeera jechuun Asoosheetid Preesitti himeera.Hundi isaanii siviloota ykn lammiilee nagaa fakkaatu jedhe.

Daarektarri tajaajila ambulaansii Abdulkadir Adan, namoota madaa’an 20 bakka balaan kun itti dhaqqabe irraa fuudhuu isaanii ibsan..

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG