Hoggantoonni Awurooppaa Tuuniziyaa daawwatan, gargaarsa maallaqaa Yuuroo biiliyoona 1 ol ykn (Doolaara biiliyoona 1.07) akkasumas invastimantii sarara ykn keebilii odeeffannoo galaana jalaa fi anniisaa haaromfamuu danda’u irratti, Dilbata kaleessaa waadaa galanii jiran.
Kunis biyya Afrikaa kaabaa kana keessatti tasgabbii deebisuuf akkasumas godaansa hanadaara galaana ishee irraa ksee hanga Awuuroopaatti taasiifamu gargaaruuf oola.
Pireezidaantiin Tuuniziyaa Kaayis Saayid akka jedhanti, furmaanni rakkoo godaansa galaana Meditiraaniyaanii irraa, biyya koo maallaqa baasisuu hin qabu jedhan. Sa’iid yaada kana kan kennan Sambata darbe, jala bultii marii namoota siyaasaa Awurooppaa waliin Tuunis keessatti taasifamu irratti, daawwannaa osoo hin beeksisin mooraa godaantotaa magaalaa qarqara galaanaa Sfax keessatti argamutti taasisan irratti ture.
Pirezidaantiin Tuuniziyaa abbaa irree ta’aa dhufan kun hoggantoota Xaaliyaanii, Nezerlaandiifi Komishinii Awurooppaa kan keessummeessan yoo ta’u, marii biyya rakkina guddaa keessa jirtu kana baraaruuf, addunyaan maallaqa walitti qabuuf karaa sirreessuuirratti kan qiyyaafatee ture. Deeggarsi Pirezidaantii Tuuniziyaa Kaayis Saayid irraa argamu waliigaltee Gamtaa Awurooppaa godaansa to’achuuf taasifamu kamiifuu murteessaadha.
Forum