Yeroo dheeraaf Mummichi ministeera xaaliyaanii fi dureessicha abbaa qabeenyaa midiyaa kan ta’an Siilvio Berluskonii, umrii isaanii 86tti har’a du’an boqochuu isaanii Midiyaan biyyatti gabaasanii jiru.
Neetworkiin Televijiinii Berlusconi kan ta’e “ Media set” jedhamu, du’a isaanii kan beeksise, suuraa isaanii ituu kolfan agarsisuu, fuula jalqabaa isaa irratti mata duree: “Berlusconi du’eera”jechuun ture.
Berlusconi Jimaata darbe ji'oota heedduu booda yeroo lammataaf wal'aansa dhukkuba kaansarii dhiigaaf hospitaala seenan. Waggoota darban keessas, dhukkuba onnee fi kaansarii piroosteetiin kan rakkataa turan yoo ta'u, bara 2020tti dhukkuba KOOVIID-19'n qabamanii hospitaala seenanii turan.
Forum