Xurree ittiin seenan

Breaking News

Godinaa Goojjam Lixa Keessatti Walitti-Bu'insa Uumameen Namoonni 3 Du'anii Hedduun Mada'uun Himame  


Maagaala guddoo naannoo Amaaraa, baahir Daar, Waxabajjii 19, 2021.
Maagaala guddoo naannoo Amaaraa, baahir Daar, Waxabajjii 19, 2021.

Bulchiinsa naannoo Amaaraa godinaa Goojjam lixaa keessaatti walti bu’insaa umameen namoonii 3 du’anii hedduun madaa’uu isaani haanga’onni Hospitaalaa lama ibsaniiru.

Hogganaan Hospitaalaa Dambacaa Addisuu Fiqiree akka sagalee Amerikaatti himanitti Dilbata dheengaddaa walti bu’insaa mormitootaa fi umnoottan nageenyaa giduutti raawwateen namoonni lama du’anii 16 immoo madaa’aniiru.

Haaluma walfakkaatuun Wixata kaleessaa magaalaa Finootesalaam keessaatti walti bu’iinsa umameen, lubbuun nama tokkoo darbee namoonii Sagal madaa’uu isaani bulchaan Hospitaalaa Finootesalaam Maanaayee Xeenaawu Sagalee Amerikaatti himaniiru.

Magaalaa Finootesalaam keessaatti mormitoonni hoteelaa miseensonni raayyaa Ittisa biyyaa itti fayyadamuu jedhan tokko weeraruu isaani kan ibsee gaasinii kun, umnoottan mootummaa, namoottaan sochii umni waraanaa naanicha keessatti taasisaa jiru morman irratti fudhatan madalaawaa mitii jechuudhaan balaaleffachuu isaanii ibseera.

Ergaa mootumaan feederaalaa umnaa addaa naannolee garaa caasaa umna naga eegdotaa biraatti jijjiruudhaaf murteessee as nageenyii naanichaa akka tasgabii hin kan ibse gabaasnii Asteer Misgaanaawu Baahir Daar irraa ergite, mormiin dhiheenyaa kana godina Goojjam bahaa keessaatti jalqabame, garaa godinaalee birootti babalachaa adeemuu isaa Ibseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG