Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ertiraan Deebitee Miseensa IGAD Taate


Asxaa Gamtaa Misoomaa Biyyoottan Baha Afrikaa (IGAD )
Asxaa Gamtaa Misoomaa Biyyoottan Baha Afrikaa (IGAD )

Biyyi Ertiraa wagga 26 booddee garaa miseensummaa gamtaa misoomaa biyyoottan baha Afrikaa ykn IGAD ti deebitee makamuu ishee ministeerri odeeffannoo biyyaatti Obbo Yemaanee Gebremeskel wixata kaleessaa beeksisanii jiru.

Ertiraan gara IGAD ti deebi’uu ishee fuulaa Tiwutari isaanii irratti kan mirkaneessan Yemanee Geberemaqel, biyii isaanii nageenyaa , tasgabiidhaa fi walti dhufeenyaa naanichaa irraatti hojachuudhaaf qophaa’u ishee ibsaniiru.

Ertiraan bara 2007 kan miseensummaa IGAD keessaa baatee lola mootummaa Itiyoophiyaa wajjin taasifamaa turee hordofuudhaan hika wal falmii daangaa irraatti walii galuun erga dadhabamee booda akka ta’e ibsameera.

Ertiraan IGAD ti deebi’u ishee ilaalchisee ibsi wixata kaleessa kenamee kun, prezidaantiin Eritiraa Isaayyaas Afewerqii ji’a Guraandhala darbe Yemmuu Keeniyaa daawwatanii turan, biyyi isaanii gara IGAD ti deebi’uu akka dandeessu yaadaa kennuu isaanii hordofuudhaan akka ta’e beekameera.

Walgahii idilee IGAD marsaa 14ffaa wixata kaleessaa Jibutii keessatti taasifamee irraatti Prezidaantiin Eritraa kan hin hirmaanne yemuu ta’u, miristeerri dhimmaa alaa Osmaan Saaleeh fi gorsaan prezidaanti Yemanee Gebre'ab hirmataaniiru. Barreesaan muummee IGAD Dokteer Werqineh Gebeyehu Ertiraan gara miseensummaatti deebii’u ishee “baga gara maatii keetiitti deebitee makamte jenne simanna” jechuudhaan ibsuun isaanii gabaasameera.

IGAD Hoggantoota Gareelee Sudaan Wal-lolan Lameen Dubbisuuf Karoorfachuu Isaa Beeksise

Kora Gamtaa Misoomaa Biyyoottan Baha Afrikaa (IGAD ) bara 2023.
Kora Gamtaa Misoomaa Biyyoottan Baha Afrikaa (IGAD ) bara 2023.

Hogantootaa gareewwan lamman Sudaan keessatti wal waraana jiraan fuuleedhaan waliti fiduudhaan haasofsisudhaaf akka karoorfame prezidaantin Keeniyaa Wiliyaam Ruuto ibsaniiru.

Prezidaantiin Keeniyaa Wiliyaam Ruutoo , walgahii dhaabataa misoomaa biyyoottan Afrikaa bahaa ykn IGAD Marssa 14ffaa irraatti akka ibsanitti, hojiin hoggantootaa gareewwaan Sudaan keessatti wal waraanaa jiranuu laman fuuleetti waltii fidanii haasofsiisuun torban sadan dhufan keessatti jalqabamuu danda’a.

Ibsii dhimma kana ilaalchisee waajjiraa Prezidaanti keeniyaa irraa bahe akka dabalee ibsetti, hoggantoonni biyyoottan Afurii kan Keeniyaan durfamufi , Itiyoophiyaa, Somaaliyaa fi Sudaan kibbaa of keessaa qabu, hogantootaa gareewwan Sudaan lamman Al burhaanii fi Hamdaan Dagaaloo magaalaa tokko keessatti waliti fuduudhaan haasofsii irraati karoorfatanii jiru. Yaalii kannas Prezidaantiin Sudaan kibbaa Saal vaa Kiir akka dura teesumadhaan hoggananu ramadamuu isaanii beekameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG