Xurree ittiin seenan

Breaking News

Boordiin Filannoo Itiyoopiyaa Paartii Haaraa Maqaa ABUTn Galmaa’uuf Gaaffii Dhiyeesse Fudhatama Dhabssiise


Asxaa Boordii Filannoo Itiyoopiyaa dhabbatichaa irraa argame
Asxaa Boordii Filannoo Itiyoopiyaa dhabbatichaa irraa argame

Jalqaba torban kanaa boordiin filannoo biyyoolessaa Itiyoophiyaa maqaa Adda Bilisummaa Ummatoota Tigraayiin paartii haaraa ijaaruuf hayyama galmee argachuuf iyyata dhiyaate fudhatama dhabsiisee jira. Boordiin filannoo ibsa Wixata kaleessaa baaseen, dhaaba siyaasaa naannoo haaraa hundeessuuf yaalii taasisame keessatti qindeessitoota kan ta’an Gebremichael Tesfay fi kanneen biroon Ebla bara 2023 hayyama galmee yeroofii argachuuf iyyataniiru.

Qindeessitoota keessaa tokko Yishaaq Woldaay Roobii har’aa VOA'tti akka himanitti murtii boordii filannoo irratti ol'iyyannoo ni dhiheeffanna jedhan.

Boordichi maqaa yeroo dheeraaf filattootoota biratti beekamaa tureen paartii siyaasaa haaraa hundeessuun lammiilee gidduutti burjaajii uuma jechuun gaaffii kana kuffiseera.

Boordichi gaaffii ABUT akka dhaaba siyaasaatti sadarkaa seera qabeessa ta'een akka deebi'ee galmaa’uuf dhiheesse kanaan dura kuffiseera.

ABUT gama isaatiin murteen boordii filannoo kun waliigaltee nagaa Piritooriyaa kan bara darbe Sadaasa keessa mallattaa’e kan faallessu ta’uu ibsee jira jechuu dhaan Mulugeta Atsbeha Maqalee irraa gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG