Kibxata darbe angawoonni sirna amantii suukaneessaa jedhame kan Keeniyaa keessatti raawwatameen kan du’an reeffa namootaa itti dabalaa erga arganii booda lakkoobsi namoota du’anii 300 caalee jira. Akka angawoonni jedhanitti kanneen du’an kun miseensot waldaa “Good news International” jedhamuu fi Pool Makeenziitiin hoogganamuu ti. Makiinziin hordoftoonni isaa fi ijoollonni isaanii yoo of beelessuun du’an utuu dhummi biyya lafaa hin ga’in jannata seentu jechuun ajaje jedhauun himatame.
Namoonni 600 ta’an amma iyyuu hin argamin jiraachuu angawaan naannoo sanaa beeksisaniiru. Makaanziin baatii Ebla keessa poolisiitti kan harka kennate yoo ta’u, baatii darbe mirga wabiin gad dhiisamuu dhorkamee jira. Hanga yoonaa ol iyyannoo hin dhiyeeffanne. Jalaqaba waggaa irra ijoollee lama beelaaf ukkaasuun ajjeese jedhamuun shakkamee to’annaa jala erga oolee booda booda irra hidhaa dhaa gad dhiisame.
Forum