Naayjeeriyaa gama kaabaa naannoo laga Nijeeritti yaballi tokko garagaluu dhaan namoonni 100 ol du’uun gabaasamee jira. Poolisiin Kibxata galgala gaazixeessotaaf ibsa kenneen akka jedhetti ennaa balaan sun uumame yabalattiin ganama barii kutaa biyya gama dhiyaa gara Kuwaaraatti imalaa turte. Hedduun imaltootaa kutaa dhiyoo jiru cidha Niijer keessatti geggeessame irratti hirrmaatanii deebi’aa turan.
Kaneen balaa kanaan du’an keessaa ijoollee hedduun jiraachuu angawooni dubbataniiru. Dubbi himaan poolisii Okasanmii Ajaayii akka jedhanitti yoo xiqqaate balaa kanaan namoonni 103 yoo du’an, kanneen 100 ykn isaa ol ta’an immoo baraaramaniiru. Namoonni itti dabalaa du’an yoo jiraatan barbaachi itti fufee jiraachuun gabaasameera.
Forum