Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lakkoobsi Godaantota Bara Dabre Giddu-Galeessa Bahaafi Afrikaa Kaabaa Irraa Gara Awurooppatti Cehuuf Yaalanii  Dhumanii Guddaa Ta'uun Ibsame


FAAYILII - Godaantonni fi baqattoota biyyoota Afrikaa adda addaa irraa bidiruu mukaa galaana Meditiraaniyaanii keessa jiran.
FAAYILII - Godaantonni fi baqattoota biyyoota Afrikaa adda addaa irraa bidiruu mukaa galaana Meditiraaniyaanii keessa jiran.

Waggaa darbe Giddu Galeessa bahaa fi Kaaba Afrikaatti erga bara 2017 asitti lakkoofsi du’a godaantotaa olaanaa ta’ee jira. Naannichatti karaa lafaa fi galaanaatiin godaanuuf osoo yaalanii namoonni tilmaamaan 3,800 ta’an lubbuu isaanii habaniiru jechuu dhaan Associated press gabaaseera. Lakkoofsi kun bara darbee jechuun kan bara 2022 wajjin wal bira qabamee ennaa ilaalamu dhibba irraa harka 11n dabaluu kan agarsiisu yoo ta’u, addunyaa irraa sababaa kanaan kanneen du’an walakkaa ta’uu dhaabi godaantota addunyaa beeksisee jira. Lakkoofsi namoota du’anii haalaan sodaachisaa ta’e kun nageenyaafi eegumsa godaantotaa mirkaneessuuf tarkaanfiin hatattamaa fi tattaaffiin walta’iinsaa kan hatattamaan barbaachisaa ta’uu isaa kan mul’isuu dha.

Hanqina ragaa sirnaa fi sababaa daandiin lafoo murtaa’aa ta’uu irraa kan ka’e qabatamaan lakkoofsi namoota du’anii dabaluu mala.

Yemen, keessumaa naannoowwa waraanaan miidhaman keessatti, du’i imala lafoon geggeessamu baay’inaan kan mudate yoo ta’u, kunis adda durummaan jeequmsa godaantota irratti ka fuuleffate irraa kan ka’e. Haalawwann kana keessatt karaa Yemenii fi Sa’uud Arabiyaa gidduu jirutti yoo xiqqaate lubbuu namoota 795 kan bade fi baay’inaan godaantota Itoophiyaa irraa dhufan kan keessatti argaman yoo ta’u, kunis kaaba Yemen bulchiinsa Saadai kan finciltoota Huutiin to’atamee jiru keessatti ta’uu ibsameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG