Xurree ittiin seenan

Breaking News

Manni Murtii Feederaalaa Finfinnee Jiru Akka Komishiiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa Dhimma Miidhaa Hidhamtootaa Qoratu Ajaja Kenne


Mana murtii federaalaa itiyoophiyaa
Mana murtii federaalaa itiyoophiyaa

Komishiniin mirga namoomaa Itiyoophiyaa dhimmoota sarbiinsa mirga namoomaa waardiyyoota mana hidhaatiin barsiisota, namoottan siyaasaa, fi roogeeyyota too’annoo jala jiarn irratti raawwatameeraa jedhame akka qoratu manni murtii feederaalaa magaala finfinneetti argamu ajajee jira.

Hidhamtootaa kan keessaa tokko kan ta’an nammi umuriin isaanii wagga 67 Dokteer Meseret Qelemework “waardiyaan manna hidhaa umuriin isaa mucaa, mucaa kootiin qixxaatu, mana hidhaa keessatti irra deddeebidhaan nareebeeraa” jedhani mana murtiiti iyyata dhiheefataniiru.

Iyyannaa kana irratti hundaa’uudhaan manni murtii feederaalaa kutaa Lidataatti argamu, dhaddachii jalqabaa dhimmaa heeraa fi farra shororkeessummaa ilaalu komishiinin mirga namoomaa guyyoottan 15 gidduutti dhimmichaa qoratee akka gabaasaa dhiheesuu ajajera.

Gareen poolisii feederaalaa fi ummnaa tikaa dhuma ji’a Caamsaa keessa ibsa waloodhaan baasaniin, namoottan hogganttoat mootummaa naannoo Amaaraa irratti haleelaa raawwachuuudhaaf karoorfatan, kanneen mootummaa naannichaa fi mootummaa feederaalaa umnaan qabachuudhaaf yaaluudhaan shakamaniiru jedhee too’annoo jala oolchuu isaa akka ibse gabaasinni Kenedii Abaatee Finfinnee irra erge yaadachiiseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG