Bidiruu godaantotaa fee’ee galaanaa irraa ittu imalaa jiruu gara galee lubbuu namoottan heddu galaafateen walqabatee namoottan Sagal too’annoo jala ooluu isaanii Giriik Beeksiftee jirti.
Namoonii kun kan qabamanii hidhamman sababa namoottan Roobii dheengaddaa ittuu karaa galaanaa irraa gara Awurooppaatti godaanaa jiranuu bidruun isaan ittin adeemaa turan daangaa kibbaa Giriik irratti dhidhimee lubuun isaanii darbe 78 ta’anuun walqabatee akka ta’e gabaasameera.
Akka gabaasaaleen ibsanitti namoottan hidhamaan kun lammiilee Masisr yemuu ta’an, bidiruu godaantotaa fe’ee imalaa turee wajjin wareen hidhata qabanuudhaa jeedahmeera.
Dhaabbataa mootumoota gamtoomanitti jaarmiyaan dhimmaa godaantotaa hordifu IOM akka ibseetii, bidiruu kan irra namoottan turan keessaa 104 bararuun danda’ameera. Bidiruu kanna irraa namoonii turan ijoolleewwan 100 ta’an dabalatee 750 akka ta’a waan tilmaamamaa jiruuf lubuun namoottan balaa Kanaan dhumanii akka dabaluu dhannadu’u IOM ibseera.
Akka maddi oduu Assooshiyeetid prees gabaasetti namoottan baraaraman keessaa namoonii 27 hospitaalaa seenanii jiru.
Forum