Xurree ittiin seenan

Breaking News

Preezidaant Raamaafosaan Imaltuun Hoogganoonni Afrikaa Yukireenii fi Raashiyaatti Taasisan Dhiibbaa Gaarii Uume, Jedhan


Hoggantoota biyyoota Afrikaa imala nagahaa gara Yukireen godhan, Kiyiiv, Yukireen, Waxabajjii 15, 2023.
Hoggantoota biyyoota Afrikaa imala nagahaa gara Yukireen godhan, Kiyiiv, Yukireen, Waxabajjii 15, 2023.

Pirezidaantiin Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaan Dilbata kaleessaa Waxabajjii 18 bara 2023, ergamni nagaa jilli Afrikaa Yukireen fi Raashiyaa keessatti gaggeessu “dhiibbaa qabaabaata” jedhan. Karoora duraanuu Yukreen baay’inaan kuffiste irratti Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin bishaan qabbanaawaa dhangalaasan.

Sambaya dabree jechuun Waxabajjii 17 yaada nagaa qabxii 10 of keessaa qabu Puutiin kan dhiyeessan Raamaafoosaan, bu’aan marii kanaa keessaa kanneen barbaachisoo ta’an lamaan, hoggantoonni Afrikaa waraana kanaa fi hamaa isaa irratti “ilaalcha Afrikaa” yeroo kennan dhaggeeffatamuu isaaniiti jedhan.Kana malees dhiibbaa inni Afrikaa irratti qabu, akkasumas garee yeroo gabaabaa keessatti Puutiin fi Pirezidaantii Yukireen Volodiymiyar Zelenskii waliin dubbatan qofa ta’uu isaanii, yaada nagaa “baay’ee cimaa” ta’e dhiyeessuu isaanii ibsan.

Pirezidaantiin Yukireen Volodiymiyar Zelenskii Jimaata darbe waxabajjii 16 Kiiv keessatti erga garee Afrikaa kana waliin wal arganii booda mariin nagaa Moskoo waliin jalqabuu dura, humna ishee lafa Yukireen dhuunfatte keessaa akka baaftu kan gaafatu ta’uu ibsaniiru, kunis Raashiyaan haala akkasiin mariin hin danda’amu ittiin jette ta’eera.

Puutiin marii sambata darbe bakka bu’oota Senegaal, Masrii, Zaambiyaa, Yugaandaa, Rippabiliika Koongoo, Koomoroosii fi Afrikaa Kibbaa waliin masaraa mootummaa naannoo Seent Piiteersbarg keessatti argamutti haasawaa kan jalqaban, kutannoo Raashiyaan ardii Afrikaaf qabdu cimsanii dubbataniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG