Filannoon Riifarandamii Godina Walaayittatti Irra deebbiin Guyyaa kaleessaa gaggeeffame karaa nagaa xumuramuu fi bu’aan filannoo yeroos buufataalee filannoorratti maxxanfamee jira. Aanaalee biroo fi Godina Walaayittaa dabalachuun Naannoo of danda’e taa’uu barbaadna kan jedhan mallattoo Bullaallaa qabachuun filannootti an seenan bu’aa yeroof maxxanfameen lakkoofsa caalaa argataniiru. Gabaasni guutuun dhimma filannichaa irratti dhiyyaachuu baatus dura teessuun boordii filannoo biyyaaleessaa Itiyoophiyaa Birtukaan Miidhaagsaa kan yeroo darbee waliin yommuu ilaalamu inni alaanaa fooyya’aa ta’uu himanii, Uummannis bu’aa filannoo ba’u eeggatee karaa nagaa akka fudhachuu qabu dhaamaniiru. Yeroo filannichaattis rakkoowwan xixxiqqoo mudatanii turanitti furmaata taasissuun uummanni mirga filuu isaatti akka fayyadamu taasifameeras jedhan. Adeemsa filannichaa kan raawwachisan namoonni kuma Sagalii fi Jaahatama leenjii fudhatanii hojiirra akka turan ibsanii taajjabdoonni 168 biyya keessaa irratti hirmaachuu isaanis eeraniiru Birtukaan Miidhaagsaa.
Buufatalee filannoo tokko tokko keessatti rakkoon jiraachuu kan himan Birtukaan akka fakkeenyaattis kanneen umriin isaanii 18 gadi ta’an filannoorratti akka hirmaataniif yaaliin taasifame akka dhaabbatu taasiifamuu, naannoo Sooddootti buufata filannoo dilboo Awuxirootti raawwachisaan filannoo tokko waraqaa eenyuumaa durwwaa irratti maqaa namootaa guutee osoo kennuu qabamuu fi buufata filannoo humboottimmoo nanmi tokko osoo raawwachiisaa filannoo hin ta’iin baajii raawwachiisaa filannoo ta’uu isaa ibsu rarraafatee argamuun to’annaa jala ooleera jedhaniiru. Bu’aan walii galaa filannichaas gaafa waxabajjii 19 bara 2015 aka lakkoofsa Itiyoophiyaatti ni ifoomsama Birtukaan Miidhagsaa walittiqabduun boordii Filannoo Biyyaaleessaa Itiyoophiyaa himaniiru jechuun Hawaasaarraa Yoonaattan Zebdiyoostu gabaase.
Forum