Sagantaan Nyaata Addunyaa (WFP) Gargaarsa Midhaan Nyaataa gara Itiyoophiyaatti ergu aaddaan kutee ture Ji’a dhufu irraa kaasee deebisee erguufi jedhe.
Dhaabbanni Nyaata Addunyaa “WFP” kanaan dura midhaan nyaataa gargaarsaaf gara Itiyoophiyaatti ergamaa ture kaayyoo ergameefiin alatti gurgurtaaf gabaarra ooleera jechuun gargaarsa Itiyoophiyaaf taasisuu dhaabee kan ture, ji’a dhufurraa kaasee namoota rakkataniif deebisee gargaarsa akka jalqabu beeksiise. Hoogganaan olaanaan dhaabbatichaa wiixata kaleessaa ibsa Reyootersiif kennaniin gargaarsi midhaan nyaataa kun bakkatti kan deebifamu ejeensiin dhaabbata Mootummoota gamtoomanii warra miidhanicha fudhachuun maluufiirratti kallattiin to’annoo erga gaggeesseen boodas jedhameera.
Haaluma wal fakkaatuun Jaarmiyaan misoomaIdil Addunyaa kan Yuunaayitid Isteetsi USAID gargaarsa miidhaan nyaataa gara Itiyoophiyaatti ergu dhaabuun isaa kan yaadatamu namoota midhaan nyaataa barbaadaniif deebisee raabsuu akka jalqabu ibseera. USAID’n midhaan nyaataa gargaarsaaf gara Itiyoophiyaatti ergameeru Raayyaa Ittisaa biyyaaf kennameera jechuun himannaa dhiyyeessee ture. Raayyaan Ittisaaa gama isaatiin midhaan nyaataa hatame jedhame fudhachuu isaa haaleera. Mootummaan Itiyoophiyaa gama isaatiin warra midhaan nyaataa gargaarsaa hatan irratti qorannoo akka gaggeessu himee garuu gargaarsa kennuu dhaabuun namoota gargaarsa barbaadan irratti dhibbaa guddaa akka qabu ifoomseera.
Sabaoota Goginsaa fi waraaa kaaba Itiyoophiyaa keessa tureen Itiyoophiyaa keessatti namoonni miiliyoona 20 gargaarsa midhaan nyaataa barbaadu.
Forum