Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gargaarsi Uummata Sudaaniif Barbaachisu Doolaara Biliyoona 1.5 Gahuu Tokkummaan Mootummootaa Beeksise


FAAYILII - Namoota qehee irraa buqahan, naannoo Kaartuumitti, Sudaan, Waxabajjii 16, 2023.
FAAYILII - Namoota qehee irraa buqahan, naannoo Kaartuumitti, Sudaan, Waxabajjii 16, 2023.

Wal waraans Sudaan keessaa Ji’oottan lamaa ol lakkoofsiseen gargaarsa namoomaaf doolaari biiliyoona 1.5 akka barbaachisu dhaabbanni mootummoota gamtoomanii hime.

Dhaabbatni Mootummoota Gamtoomanii Uummata Sudaaniif doolaarri biiliyoona 1.5 akka barbaachisu ifoomse. Hoogganaa Ol aanaa dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutereez ibsa viidiyoon kennaniin haallii fi saffisni Uummanni Sudaan itti du’aa jiru kan hin eeggamne jedhanii ,osoo waraanni kuniyyuu hin jalqabiin dura Sudaan gargaarsa namoomaa cimaa barbaadan turan jechuun ibsan.

Uummata waraanaan miidhaamaa jiru kanaaf dhaqqabuun dirqama uummata Addunyaa hundaatis jedhan Guutereez.

Jaarmiyaa mirga namoomaa dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti Komuushiranara Olaanaa kan ta’an Voolkeer Tark akka Ibsanitti Sudaan keessatti namoonni miiliyoona 13 ol gargaarsa namoomaa hattattamaa barbaadu jedhan. Kanneen keessaa namoonni miiliyoona 5.6 warra Daarfuur keessaati jedhaanii kanneen baay’inni isaanii 620,000 ta,an hanqina nyaata madalaawwaa hamaaf saaxilamaniirus jedhan.

Qaamoleen wal waraanaan lamaan walii galtee waraana dhaabuu akka haaraatti taa’aame yoo itti fayyadaman carraa gaariidha kan jedhan Voolkeer Tark qaamooleen lamaanuu seera mirga namoomaa fi gargaarsa namoomaa kan idil addunyaa eeguun dirqama isaanii akka ta’e eeranii namoota siivilii fi hoojjettoota dhaabbilee gargaarsa namoomaafis eegumsa taasisuu akka qaban dhaamaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG