Humnoonni Gola nagaa eegumsaa kan dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Maalii keessaa baafamuun nageenya Uummata Maaliif na yaddeesa jette Yuunaayitid Isteetsi.
Humnoonni Gola nagaa eegumsaa kan mootummoota Gamtoomanii Maalii keessaa akka baafaman Mootummaan cee’umsaa Maalii gaafaterraatti Yuunaayitid Isteetsi sodaa qabaachuu himti. Dubbii Himaan ministira haajaa alaa Yuunaayiitid Isteetsi Maatiiwu Miiler ibsa kannaniin humni gola nagaa eegumsaa moottummoota gamtoomanii kan maqaa “MINUSMA”n Maalii keessa jiru osoo hin baafamiin dura nageenya uummata Maaliif dursi kennamuu qaba jedhaniiru. Iti dabaluunis Murtoon akkanaa haala nageenyaa fi gargaarsa namoomaa lammiilee Maaliirratti dhiibbaa guddaa fiduu malas jedhan.
Yuunaayitid Isteetsi biyyoota lixa Afrikaa waliin hojjechuu akka itti fuftu kan himan Miiler dhiibbaawwan bulchisaa fi nageenyaa isaan mudatan irrattis deeggarsa taasifnu itti fufna jedhanii, gareen humna gola nagaa eegumsaa kan dhaabbata mootummoota gamtoomanii Maalii keessaa osoo hin baafamiin mariin ga’aan akka irratti gaggeeffamu biyyi isaanii fedhii qabaachuu eeraniiru.
Yaa’ii gola nagaa eegumsaa kan dhaabbata mootummoota gamtoomaniirratti Jimaata darbe ifatti humni gola nagaa eegumsaa Maalii keessaa akka baafamu kan gaafatan ministirri haajaa alaa Maalii Abdolaayee Dii’op bakka gareen humna golaa nagaa eegsiisu Maalii keessa jiruun bulchiinsi mootummaa biyyattii ofitti amanamummaa akka dhabuu isa taasisuu eeraniiru.
Maalii keessatti bara 2012 gareen riphee lolaa leelistoota Islaamummaa babal’achuu fi jeequmsi uumamuu isaan humni waraanaa gola nagaa eegumsaa kan dhaabbata mootummoota gamtoomanii maqaa “MINUSMA”’n waamamu bara 2013 garasitti kan bobbaafame.
Forum