Afriikaan addunyaa keessaa bakka dadhata shororkeessummaa taateetti jechuu dhaan ogeessonni farra shororkeessummaa Kibxata kaleessaa beeksisanii jiran. Al-Qaaidaa fi IS addunyaa kanneen biroo keessatti bal’inaan sosso’aa jiraatanis kanneen waggaa darbe gocha kanaan ajjeefaman keessaa walakkaan isaanii biyyootii Afriikaa uffee Sahaaraa gad jiran keessatti jedha gabaasi Associated Press.
Dhaabbati yakka qorannaa addunyaa kan poolisii Interpol waltajjii mariiTokkummaa mootummootaatti geggeesseen akka gabaasetti kurna darban keessa falaasama garee finxaaleyyii gama mirgaa leellisan waliin shororkeessummaan wal qabate keessumaa Awrooppaa fi Ameerikaa kaabaa akkasumas kutaalee Eesiyaa pasifik keessatti dacha 50 dablee jira.
Ogeeyyiin kun haala ka biroo illee xiinxalaniiru. Nageenyi addunyaa gad adeemaa dhufuun balaa shororkeessummaa “walxaxaa taasisaa jira jedhan. Namoonni gara jabeeyyii ta’an teknooloojii ulfaataatti fayyadamuun isaanii dabalaa kan dhufe yoo ta’u, dirooniin fi sammuu namtolchee-tiin haleellaa karoorsuu fi raawwachuuf karaa haaraa bananiiru.
Tokkummaan mootummootaa torban kana konferensii farra shororkeessummaa isa sadaffaa qopheesssee jira. Wal ga’iin inni Kibxata kaleessaa adeemsa shororkeessummaa fi balaawwan yeroo ammaa mul’achaa jiran madaaluuf kan qophaa’e yoo ta’u Tokkummaa Mootummootaa, Interpol, Raashiyaa, Ameerikaa, Qaataar, hoogganaagameessa basaasa tarsiimoo kan dhaabbata Google-tu irratti argame.
Mata dureen waliigalaa torbee kanaa tumsa sadararkaa addunyaa deebi’ee jabaateen shororkeessummaa furuu dha. Muummichi barreessaan Tokkummaa Mootummootaa Antooniyoo Guteresh, walgahii baniinsaa Wixata darbee irratti akka jedhanitti, furtuun isaa haleellaa fashaleessuu qofa osoo hin taane hiyyummaa, loogii, bu’uuraalee misoomaa badaa ta’e, sarbiinsa mirga namoomaa hamaa fi haalawwan kana kan hammeessan bu’uuraa biroof furmaata barbaaduun shororkeessummaa ittisuu irratti fuuleffachuuf murteessaa dha.
Forum