Roobii har’aa kutaalee Kaartuum adda addaa keessatti gareewwan wal waraanan gidduutti walitti bu’iinsi cimaan uumamee jira. Kunis kan ta’e, sa’aatii 72f kan ture walii glteen dhukaasa dhaabiinsaa kan duraanuu sarbiinsi mirga namaa hedduun keessatti raawwatameen booda jechuu dhaa namoonni ijaan argan dubbataniiru jedha gabaasi Rooyiters.
Lola dhaabiinsi sun utuu hin dhumatin yeroo xiqqoo ganama barii sa’a 12 dura lolli kutaalee magaalaalee jiran mara sadii keessatti kan ka’e gabaafame yoo ta’u, kunis Nile, Kaartuum, Baahrii fi Omdurmaan keessatti ta’uun gabaasameera.
Waraanni Sudaan fi Humni addaa ji’oota lamaa oliif wal lolanii magaalaa guddoo biyyattii irratti badiisa geessisuu fi naannoo dhiha Daarfuur keessatti jeequmsa bal’aa kaasuun namoonni miliyoona 2.5 qe’ee isaanii dhiisanii akka baqatan taasiseera.
Namoonni ijaan argan akka jedhanitti xiyyaaronni waraanaa Bahri-n samii irraan kan haleelan yoo ta’u, humnoonni addaa immoo dhukaasa farra xiyyaaraatiin deebii kennaniiru. Omdurmaan keessatti dhukaasa meeshaa waraanaa fi walitti bu’iinsa cimaa fi kibba Kaartuum keessatti immoo lolli lafaa geggeessamuun gabaasamee jira.
Jiraattonni akka jedhanitti mooraa waraanaa kutaa Kordofaan kibbaa bakka humni riphee lolaa kan garee Kartuum keessaa wal lolaa jiruu ta’e hin beekamne jiruttis lolli ka’ee jira.
Walii galteen lola dhaabiinsaa inni boodanaa, walii galtee lola dhaabuu hedduu jaarsummaa Yunaayitid Isteetisii fi Saud Arabiyaan Jiddaa keessatti tolfame keessaa ti.
Forum