Angawaan gameessi dhimma baqattootaa kan Tokkummaa mootummootaa Keeniyaan baqattoonni ofii isaanii akka danda’aniif hawaasatti akka makaman karoora isheen baafte galateeffataniiru.
Keeniyaan, biyya hollaa Somaaliyaa, Sudaan kibbaa fi Itiyoophiyaa dabalatee baqattoota biyyoota 23 irraa ta’an kanneen kuma 600 ol ta’an keessummeessiteetti.
Irra hedduun isaanii mooraa baqataa Dhadaab fi Kakumaa kan kutaa biyyattii gama kaabaa keessa jiraatu. Mooraaleen kun namoonni humnaa ol kan keessatti tuucha’anii fi tajaajille bu’uuraa illee akkaan kan keessatti hanqate dha.
Kibxata darbe Pirezidaantii Keeniyaa Wiliyaam Ruutoo waliin kan wal argan Komishinarri Olaanaan dhimma baqattootaa kan Tokkummaa mootummootaa Filippoo Graandii, sagantaa hawaasatti makamuu Keeniyaan karoorfatte kun sirna mooraa baqataa amma jiru kan gargaarsa irratti baay’ee hirkate faallaa, mala itti fufiinsa qabu ta’uu Associated Press’tti himaniiru.
Sagantichaaf waadaan doolaara miliyoona $200 galamuu isaa fi maallaqi itti dabalaa illee akka barbaachisu dubbataniiru, garuu yoom akka jalqabamu yeroon isaa hin ibsamne.
Giraandiin itti dabaluu dhaan karoorri hawaasatti makuu kun waggoota hanga tokko dura konyaa Turkaanaatti qophaa’uu isaa fi hawaawi baqataas irraa fayyadamaa jiraachuu dubbataniiru.
Mootummaan Keeniyaa gargaarsa Tokkummaa mootummootaan baqattoonni qubsuma yeroofii bakka namoonni gargaarsaan jiraatan irraa gara qubsuma of danda’anii hawaasichatti makamanii jiraachuu akka danda’an gargaaruuf karoorsuu isaa Giraandiin galateeffataniiru.
Giraandiin rakkoo Sudaan keessatti uumameen lakkoobsi baqattootaa kuma 500 ol ga’us, gumii Tokkummaa mootummootaa kan Wixata darbee irratti waadaan seename kanneen gargaarsa barbaadan akka gargaaru abdii qaban ibsaniiru. Doolaarri biliyoonni $1.5 Sudaan keessaa kanneen miidhaan namoomaa irra ga’e deggeruuf waadaa seenamee jira jechuu dhaan UNHCR beeksiseera.
Forum