Naannoon Somaalee fi mootummaan federaalaa Itiyoophiyaa ajjeechaa loltuun raayyaa ittisa biyyaan magaalaa Qabrii Dahaar godina Qorahee keessatti, lammiilee nagaa afur irratti raawwatame ilaalchisee qorannoo hatattamaa fi gadi fageenya qabu akka gaggeessan waamicha dhiyeesse.
Akka paartiin mormitootaa kun jedhutti loltuun raayyaa ittisa biyyaa Kibxata waxabajjii 20,2023 osoo waraanaan hin dhaabsisamen dura hogganaa Paartii Badhaadhinaa naannoo tokkoo fi miseensota Adda bilisummaa biyyoolessaa Ogaden 3 ajjeese.
Dubbi himaan mootummaa naannoo Somaaliyaa Abdulqaadir Reshiid haleellaan kun mudannoo addatti raawwatame ta’uu tuqaniiru.
Dubbi himaan kun VOAf akka himanitti mootummaan naannichaa fi ajajoonni Raayyaa ittisa biyyaa Roobii har’aa jiraattota magaalaa Qabri Dahaar waliin marii gaggeessaa jiran jechuu dhaan Addis Chekol gabaaseera.
Forum