Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ministirri Ittisaa Yunaaytid Isteetis Preezidaantii Somaaliyaa Peentaagoonitti Simatanii Waliin Mari’atan


Ministirri Ittisaa Yunaaytid Isteetis Liyood Ostin Preezidaantii Somaaliya Hasan Sheeyik Mohamuud Peentaagoonitti simatanii wajjin mari’atan, Waashingtan, Diisii, Waxabajjii 21, 2023.
Ministirri Ittisaa Yunaaytid Isteetis Liyood Ostin Preezidaantii Somaaliya Hasan Sheeyik Mohamuud Peentaagoonitti simatanii wajjin mari’atan, Waashingtan, Diisii, Waxabajjii 21, 2023.

Looyd Oostiin Robii kaleessaa prezidaantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad Peentaagonitti simatanii jiru. Hoggantoonni kun walga’uun, carraa tumsa waraanaa itti fufsiisuun balaa naannoo fi hariiroo ittisaa keessatti guddina barbaachisaa ta’e irratti mari’ataniiru.

Oostiin, haleellaa Somaaliyaa yeroo ammaa gaggeesituu fi wareegama lammiwwan somaaliyaa duula waraanaa kan al-Shabaab ofirraa ittisuuf godhan keessatti wareegama baasan galateeffataniiru. Mootummaan Federaalaa Somaaliyaa lakkoobsa humnoota Gamtaa Afriikaa hanqisuuf akkasumas, ce’umsa nageenyaa gochuuf qophaa’aa waan jiruuf jecha, qindoominaan hojjachuu fi deggersi addunyaa akka barbaachisu aangawoonni lamaan waliigalaniiru.

Keessattuu tasgabbii dhabuu Sudaan fi balaa al-Shabab itti fufiinsa qabu dabalatee diinummaa naannicha keessatti deemaa jiru yoo ilaalle yeroon kun barbaachisaa ta’a jedhan. Keessattuu tasgabbii dhabuu Sudaan keessaa fi balaa al-Shabab kan itti fufiinsa qabu dabalatee, diinummaa wal ilaaluun naannoo keessatti deemaa jiru yoo ilaalle, yeroon kun akkaan barbaachisaa ta’a jedhan Ostiin.

Somaaliyaa Waaltaa keessatti Milkaa'ina itti fufiinsa qabu kan duula marsaa amma Somaaliyaan durfamuun, al-Shabab irratti geggeeffamaa jiru dhaga'uun na jajjabeesse, jedhan Oostiin. Prezidaant Hasan Sheek Deebii kennaniin Ameerikaan Somaaliyaa cimtuu fi tasgabbaa’aa ta’e ijaaruuf tumsa waraanaa fi siiviilii itti fufee jiruuf galateeffataniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG