Dhukaasa dhaabuun guyyoota sadiif ture Kibxata ganama erga xumuramee booda waraana Sudaan fi humna waraanaa hatattamaa humna guddaa qabu gidduutti, walitti bu’iinsi deebi’ee akka jalqabe gareen mormii dhageesisanii fi jiraattonni gabaasanii jiru.
Lollii kun lubbuu namoota kumaatamaan lakkaa’aman kan galaafate yoo ta’u, namoonni miliyoona 2.5 ol ta’an qe’ee isaanii baqatanii gara naannoo nageenya qabu Sudaan fi biyyoota ollaa akka ba’an kan dirqisiise ta’uu Dhaabbanni godaansaa kan Tokkummaa Mootummootaa ibsee jira.
Gama kaaniin, Sudaan keessatti “dhaabbileen fayyaa naannoo walitti bu’iinsaan miidhaman keessa jiran sadii keessaa harka lama kan ta’an tajaajila ala ta’aniiru jechuun Hogganaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa kan Tokkummaa Mootummoota ykn (WHO) Dr Tedroos Adhanoom ibsanii jiru.
Kana malees, “haleellaan irra deddeebiin dhaabbilee fayyaa, kuusaa meeshaalee yaalaa, ambulaansii fi hojjettoota fayyaa irratti raawwatamu, dhukkubsattootaa fi hojjettoota tajaaiila fayyaa hospitaalota gahuu irraa ittisaa jira jedhan.
Dr Tedroos, Kibxata kaleessaa jechuun Waxabajjii 21 bara 2023, Jenevaa keessatti gaazexeessitootaaf ibsa kennaniin, Sudaan keessatti “ hokkarri ji’oota lamaaf mudate kun, tajaajila fayyaa kennuu irratti dhiibbaa guddaa kan geessise yoo ta’u, namoonni miiliyoona 11 gargaarsa tajaajiila fayyaa akka barbaadan taasisee jira jedhan.
WHOn haleellaa wirtuulee eegumsa fayyaa irratti raawwatame 46 erga lolli jalqabame mirkaneessee jirra kan jedhan Dr. Teedros weerara dhukkuuba Gifiraa, busaa fi deng jedhamu kam itti fufee jiru to’achuuf rakkoo guddaan jira.
Forum