Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tokkummaa Mootummootaatti Bakkabuutuun Addaa Dhimma Somaaliyaa Biyyattiin Dhimmoota Ijoo Irratti Tarkaanfii Agarsiiste Jedhan   


Faayilii - Tokkummaa mootummootaatti bakka buutuunaddaa dhimma Somaaliyaa atriyoonaa Laa’ing
Faayilii - Tokkummaa mootummootaatti bakka buutuunaddaa dhimma Somaaliyaa atriyoonaa Laa’ing

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti bakka buutuun addaa dhimma Somaaliyaa fi hooggantuun gargaartuu dhaabbata mootummoota gamtoomanii kan Somaaliyaa Kaatriyoonaa Laa’ing Yaa’ii gola nagaa eegumsaa kan dhaabbata Mootummoota gamtoomanii NiwuuYoorkittiu Kibxata kaleessaa taa’amerraatti dubbii dubbataniin Uummanni Somaaliyaa Jaalala biyyaaleessaaf qabu guddisuurratti jijjiiramni gudaan jiraachuu himan. Kunis jette Kaatriyoonaan tokkoffaa Heerri biyyaaleessaa irraa deebbiin akka ilaalamuu fi kanaafis Komishiniin dhaabbachuu, Qaamoleen Seera tuman 11 heera kana keessa jiraachuu fi kaannen ja’a ta’an mallatteeffamuu akkasumas Filannoon Puunti laand dabalatee demsiifamuu isaa fi Oppireeshiiniin si’ana Al-shaabaab irratti taasifame namoota gargaarsa namoomaa barbaadaniif karaa saaquun agarsiiftuuwwan jechuun ibsaniiru.

Akka gabaasa Kaatriyoonaatti Somaaliyaa keessaa ji’a Amajjii hanga Bitooteessaa qofaatti namoonni 430,000 ta,an sababa wal waraansaa fi jeequmsaan qe’ee isaaniirraa buqqa’aniiru.Kanneen keessaas daa’immanii fi dubartoonni baay’atu jedhanii, Kanneen 580,000 ta’animmoo bakkoota humnoota waraanaan to’ataman keessa bakkoota bulchiinsa mootummaa hin qabne keessa jiraatus jedhan.

Dubartoonni Somaaliyaa keessatti mirga isaaniif akka falmatan barsiisuun ammayyuu hojii barbaada jedhanii , kanaan dura gama mootummaa Federaalaan hirmanaan dubartootaa aangoo Federaalaa qooddachuun harka 30 irraan ga’uuf waadaan galamee ture ammayyuu hojiitti hin hiikamne jedhaniiru. Heera Biyyattii irra deebbiin ilaalamuuf jiru keessattis dubartoota baay’ee hirmaachisu jedheen abdadhas jedhan.

Pireezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheeyiik Mohaammud yaa’ii gola nagaa eegumsaa Mootummoota Gamtoomanii kanarratti dubbii dubbataniin Tarkanfii Leenca Gurraachaa jedhuun humna Al-shabaab irratti fudhachaa jirruun biyyattii keessatti bakkoota Al-shababiin qabamanii jiran hunda bilisa baasuuf hojjetamaa jira jedhan. Kunis biyyoota akka Itiyoophiyaa, Keeniyaa fi Jibuutii waliin taanee galmaan ni geenya jedhan. Uummaticha Hiyyummaa keessaa baasuuf barnoonni barbaachisaa ta’uu amannee qulqullina barnootaa guddisuu irratti xiyyeeffannas jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG