Naannoo Amaaraa Godina Gondor Lixaatti qonnaan bultoonni Afur ajjeefamuu fi Kaannen Sadii ta’an immoo humnoota hidhataniin Uukkaamfamuu Jiraattoonni fi hooggantoonni naannichaa himaniiru.
Ajjeechaa Raawwatame kanaaf Jiraattoonni Hidhattoota Qimaantii fi koree eenyummaa Qimaantii komatu. Miseensa Koree Eenyummaa qimaantii kan ta’an Andaargaacheew Mollaa Sagalee Ameerikaatti akka himanitti himannaan isaan irratti dhiyate soba ta’uu himanii rakkoo nageenyaa naannoo sanatti uumameef hidhattoota Amaaraatu itti gaafatama jedhan. Naannichatti miseensonni hawaasa Qimaantii Afur Uukkaamfamuu isaaniis eeraniiru.
Bulchaan godina Gondar Lixaa Bikis Warqee Sagalee Ameerikaatti akka himanitti ajjeechaan raawwatame dhugaa ta’uu himanii warri yakka kana raawwatan Uummata Amaaraas ta’e kan Qimaanti bakka hin bu’an jedhanii humnoota nageenyaa gara sanatti bobbaasuus eeraniiru.
Forum